Hunda dura nagaan kabajaa fi Oromummaa haa dursu.
Uummatni Oromoo fi qabsaawanni Oromoo, Gootota Oromoo kanneen bilisummaa saba isaaniif jecha osoo qabsoo godhanii dirree falmaa, mana hidhaa fi haala adda addaa keessatti lubbuun isaanii jijjiirraa hin qabne aarsaa godhan wagga waggaan Ebila 15 ni yaadata.
Hawaasni Oromoo Kibba Rogaland akkuma hawaasota Oromoo kanneen biro Ebla 20, 2013 yaadannoo Guyyaa Gootota Oromoo sa’aa 18:00 irra eegale bifa addaan ayyaaneffatee ooluuf qophii gochaa waan jiruuf guyyaa kana akka waliin dabarsinuuf kabajaan isin afeerra.
Guyyaa: Ebla 20, 2013
Yeroo: sa’aa 18:00 irra eegalee
Bakka/Idoo: Bekkefaret Bydelshus, Stavanger, Norway
Nagaa Wajjin!
Koree Hawaasa Oromoo Kibba Rogaland