Quantcast
Channel: Gadaa.com Oduu – News
Viewing all articles
Browse latest Browse all 3224

Yaamicha Guyyaa Gootota Oromoo: Ilmaan Oromoo Australia Keessaa Maraaf

$
0
0

Gadaa.com

Konyaan ABO Victoria Guyyaa Gootota Oromoo, Ebla (April) 15, 2013 sirna ho’aan kabajamu sababeeffachuun Ebila 21 bara 2013 kabajuuf qophii isaa xumuratee jira. Guyyaa kana:

• Gootowwan Oromoo dirree qabsootti, mana hidhaatti, walumaagalatti mirga Ummata Oromoof otoo falmaa jiranii bakkoota adda addaatti wareegaman faarsina, seenaa fi dhaamsa isaanii wal-yaadachiifna;

• Kaayyoo isaan kufaniif galmaan gahuuf tokkummaan kaanee irbuu keenya haaromfanna;

• Walaloo gootowwan keenya faarsan wal dhageessifna akkasumas

• Doo’ii gabaabaa “DHUKKUBA CINAACHAA” jedhu isiniif qabna. Kana malees qophiilee nu booharsaan dhaamsaa fi kaayyoo gootowwan keenya lubbuu isaanii dabarsanii itti nuuf kennan nu qalbeeffachiisan hedduun qophaahaniiru.

Kanaaf guyyaa seena qabeessa kana akka waliin kabajaa seenaa gootowwan Oromoo wa-lyaadachiisaa, akeekaa fi dhaamsa isaanis wal-qalbeeffachiifnuuf maatii fi hiriyoottan keessan waliin kabajaa Oromummaan isin waamneerra.

Guyyaan:- Ebla (April) 21, bara 2013.
Sa’aa:- 4:00wb
Bakki:-
Flemington Community Centre
25 Alexander Rd. VIC 3032

Koottaa! Waliin guyyaa Gootota keenyaa yaadannee oollaa!

Konyaa ABO Victoria,

Gadaan Gadaa Bilisummaa!
Injifannoo Uummata Oromoof!

Qabsawaan ni kufa; Qabsoon itti Fufa!

Gadaa.com


Viewing all articles
Browse latest Browse all 3224

Trending Articles