Quantcast
Channel: Gadaa.com Oduu – News
Viewing all 3224 articles
Browse latest View live

Tokkummaa

$
0
0

Malkaa Caffee Irraa* | Ebla 23, 2013

Yeroo Tokkummaa qabnu
Gamtaan wal hiriirsinee,
Farda keenyaan gugsinee
Diina finxiriirsinee,
Biyya teenya dhuunfannee
Jallaa diddiriirsine.

Tokkummaan keenya laafnaan
Salphannee raajii taanee,
Warra nu hin geenyeen cabnee
Namayyuuf meeshaa taane.

Kan dabre nuuf haa gahuu,
Kottaa wal dhaggeeffannaa.
Akka durattii keenyaa,
Tokkummaa jabeeffannaa.

Tokkoomnaan nu kabajuu,
Yookaan eenyutu nu dhiisaa?
Tokkoomnaan waa tolchinaa,
Akka Gurmuu Kanniisaa.
Facaanaan gatii dhabnaa,
Akka hoomaa titiisaa.

Tokkummaan ani Walaloo kana keessatti irraa dubbachaa jiru tokkummaa Mooraa QBO keessatti barbaadamu (Tokkummaa Qabsaawota Bilisummaa Oromoo) ti. Kanneen ani Qabsaawota Bilisummaa Oromoo jedhuun ammoo, kanneen qabsoon Didhaa/Challenge tahuu fi qabsaawummaan Wareegama/Sacrifice tahuu beekanii wareegama qabsoon gaafattu baasaa jiranii fi kanneen si’achi itti dabalamanii baasuuf of kenniinsaa fi qophii qabani. Kanneen wareegama ulfaataa Oromoon Bilisummaa isaa gonfachuuf hanga har’aatti baasee fi baasaa jiruuf ulfina malu kennanii, wareegama kanatti firii gochuuf dhugaan of kennan jechuu kiyya.

Gaaffiin Tokkummaa mooraa QBO keessatti deddeebi’ee ka’us waa’eedhuma kanaa ti malee, Tokkummaan Sabummaa Oromoo waan uumamaan ture, jiruu fi borus diigamuu hin dandeenyee dha. Balaan gabroomfattootaan Tokkummaa Sabummaa Oromoo kana irratti aggaammatamee tures miidhama hanga tokko dhaqqabsiisu illee amma qabsoodhaan fashalee irraa aanameera waan taheef gama sanaan wanti guddoo yaaddofnuu fi irraa waywaatnu hin jiru. Inumaa iyyuu akka akaakuu gabrummaa mudannee fi shira diinotaan raaw’atamaa turee fi jiruutti, akka baay’ina lakkoofsa Saba keenyaattii fi akka bal’ina lafa keenyaatti sadarkaan har’a hafuurri tokkummaa Oromummaa irra jiru, kan itti boonnuu fi faarsuu qabnu malee kan irraa yaaddofnuu fi alaan’allu miti.

Gara Tokkummaa Qabsaawotaatti yeroo deebinu, kanneen Mooraa QBO fi Dhaaba qabsoo gaggeessu akka Mootummaa fi Paarlaamaa Oromiyaatti ilaaluudhaan qumaara polotikaa waa’ee Barcuma Aangoo Polotikaa irratti xiyyeeffatu achi keessatti shaakaluu kajeelanii fi kaayyoo sanaaf wal gurmeessan, Qabsaawota Bilisummaa Oromoo waliin tokkummaa uumuun hin salphatu. Maqaa Oromootiin Dhaaba Siyaasaa ijaarrachuun/moggaafachuun qoftis hiriira Qabsaawota Bilisummaa Oromoo keessatti ramadamuuf ulaagaa tahuu hin danda’u.

Lakkoofsi dhaabota/jaarmayoota siyaasaa maqaa Oromootiin dhaabbatanii dabalaa buluun laafina Tokkummaa Oromoo calaqqisa jedhanii yaaduunis dogoggora. “Karaa Alamganaadhaa, Yoom ragadne? ganaa dhaa!” (akka wallisaa Laggasaa Abdii baanu) maqaa Saba guddaa kanaatiin Dhaabotni Siyaasaa ijaaraman si’achi kana caalaa dabalaa deemuun illee akka malu tilmaamuu feesisa. Qabsaawotni Bilisummaa Oromoo Dhaaba jabaa tokkicha jalatti osoo hiriiranii irra bu’a-qabeessaa fi filatamaa tahu illee, Dhaaba lamaa fi sanaa olittis gurmaawanii galma gahiinsa QBOf tokkummaadhaan hojjechuunis waan hin danda’amne miti. Miseensa Dhaaba Siyaasaa osoo hin tahin qabsoo bilisummaa Saba isaaniitiif qooda gurguddaa kan gumaachanis bakka hedduutti mul’ataniiru, mula’achaas jiru. Walumaagalatti garaagarummaa fedheen (amantii, ilaalcha siyaasaa, gosaa fi naannoo dhalootaa…kkf) osoo hin daangeffamin Dantaa Sabummaa Oromoo tiksuu fi sanaaf qabsaawuu irratti ejjennoo, ilaalchaa fi of-kenniinsa wal fakkaataa haa qabaannuu dha Gaaffiin Tokkummaa Oromoo.

QBOtiin wal qabsiifamee oggaa irra deddeebi’amee Tokkummaa, Tokkummaa, Tokkummaa… jedhamu namoota maalummaa qabsoo fi siyaasaa irratti hubannoota gahaa hin qabne akkaataa itti dhiphisuu fi yaaddessu qaba. Murnootni maqaa Oromoo dhahatanii “Nuti Dhaaba Polotikaa ti.” Ofiin jedhan hundumtuu hanga agoobara tokko jalatti walitti hin dachaanetti akka waan QBO galma gahuu hin dandeenyeetti warri hubatan jiru. Sana irra dabraniis Tokkummaan Sabummaa Oromoo illee akka waan gaaffii jala jiruutti hubatanii warri dhiphatan jiru. Kuni lachuu hubannaa dogoggoraa tahuu fi tokkummaan barbaadamu kan akkamii akka tahe gabaabsee akeekuufin ibsa gabaabduu tana walaloo xiqqoo tanatti dabale.

Hayyootni keenya kan waa’ee Siyaasaa fi Seenaa Oromoo irratti hubannoota gadi fagoo (irra wayyaa) qaban, Gaaffiin Tokkummaa Oromoo Waa’ee Maalii ti? dhimma jedhu kana irratti osoo yaada bilchaataa fi bal’aa hubannoo ummata keenyaa (keessattuu kan Dhaloota Qubee) guddisuuf gargaaru haala itti fufiinsa qabuun barreessanii yookaan bifa biraatiin dhiheessanii milkii Qabsoo Bilisummaa Oromootiif bu’aa guddaa qabaata jedheen amana.

Waan QBOf Tolaa Haa Jajjabeessinu!
Waan QBOf Hin Tolle Haa Morminu!

* Malkaa Caffee: malkaacaffee@gmail.com


OSFNA Soccer 2013 – Minneapolis, MN – June 29 to July 6

$
0
0

Gadaa.com

According to the website of the Oromo Sports Federation in North America (OSFNA), the 2013 Oromo Soccer Tournament will be held in Minneapolis, Minnesota — home of the defending champion
Oromia 11 Stars FC — between Saturday, June 29, and Sunday, July 7. The venue for the tournament will be at Washburn High School (201 West 49th Street, Minneapolis, Minnesota).

Visit OSFNA’s website for more and latest updates.

Highlights of Last Year’s Tournament in Toronto, Canada (Video: Lagatafo Studio)

Hooggannii QBO akka ofii yaadutti kan biraas akka yaadu tolchuu otoo hin taane, kan ofii yaadu namni biraas akka gabbisuu danda’u of amansiisuu qaba

$
0
0

Camadaa Hundee Irraa*

Qabsoon yeroo hunda gabbachaa fi danboobaa deemuu qaba. kana gochuuf garuu hooggana jijjiramaa fi hooromsa qabsootti amanu horachuun murteessaa dha. hoogganni jijjiramaa fi haaromsa qabsootti hin amanne, yeroo hunda miseensaa fi hooggana isa jala jiru kan qaru (uumu) akka ofii yaadutti akka yaadan gochuun ta’a. Hoogganni jijjiramaa fi haaromsa qabsootti hin amanne, waanta hunda kan beekuu fi kan murteessu isa malee, qabsa’otiin biraa kaan gahee qaban tahuu isaa yeroo tokkaaf illee hin yaadu. Mooraa qabsoo keessatti namootiin sababaan yaadanii fi of irratti amantaa qaban akka biqilan tasa hin eeyyaman. Kana irraa kan ka’e, yeroo hunda qabsa’ota QBO gabbisuuf haala xiinxalanii fi hubatan dhiibanii qabsoo keessaa baasu. Qabsa’ota egeree qabsoof muladhata gaarii qaban, garee dursanii of cinaa tuullataniin olola maqa balleessii fi hinjirreedhaan duula baldhaa irratti banu. Kun amala hooggana sababaan hin amannee fi jijjiramaa fi haaromsa qabsoon gaafatu tasa dhagahuu hin barbaannee ti.

Hoogganni amala kanaan guddatee fi qabsoo gaggeessu yeroo hunda, ajandaa injifannoo qabsoo of harkaa hin qabu. hawwii fi fedhiin isaa yeroo hunda qabsa’ota egeree qabsoof muldhata gaarii qaban qabsoo keessaa dhiibuu fi olola dharaan maqaa balleessuu dha. kun ammoo bu’aan isaa qabsoo akka daandii injiffannoo hin qabanne maseensuu dha.

Dhaabbilee siyaasaa QBO gaggeessan keessaa angaftii fi inni guddichi ABO dha. ABOn deeggarsaa fi jaalala ummata oromoo wayyabaa qaba. maqaa dhaaba kanaan ilmaan oromoo kumaatamooti wareegamanii jiru. Qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa buqa’anii jiru. Biyya itti dhalatan gadhiisanii godaananii jiru. Kun hundi mirgaa fi dhugaan oromoon qabu falmachuu fi hooggana qabsoo isaa kan ta’e ABO wajjin hidhata waanta qabuuf. Jaalalaa fi kabajaa dhaaba isaa ABOf qabu irraa ka’ee haarsaa qaqalii kaffalaa ture, ammas itti jira. haata’u malee ummati oromoo yeroo dhaaba isaa kabajuu fi jaalatu, adeemsaa fi sirreessa dhaabni isaa fudhachuu qabu yeroon fudhachuu dhabuun isaa quuqama of keessatti ni qaba. yeroo dheeraa gorsaa fi gargaarsa wal irraa hin cinne godhaafii jira. ummata irraa kan eegamu inni guddaan deeggarsa ABOf qabu roga hundaan jabeessuu dha. deeggarsa ummati oromoo dhaaba isaaf qabu gara humnaa fi injifannootti jijjiruu kan qabu, hooggana itti gaafatama fudhatee dha. hoogganii adeemsa qabsoo yeroo gara yerootti qorachaa fi xiinxalaa deemuun dirqama isaa ti. Hoogganni sadarkaa dhaabnii fi qabsoon irra jirtu haqummaan hin xiinxalle hooggana aangoof bakka olaanaa kennuu dha. hoogganni yeroo hunda aangoof dhiphatu dhimma qabsoo irra aangoo dhaaba keessatti qabu tifkachuuf dursa kenna. Kun ta’uun isaa ammoo dhimmi qabsoo xiinxalanii ykn gilgaalanii haalaa fi waltajjii qabsoon keessa jirtu wajjin wal simsiisuun bakka hin qabaatu. Rakkoo mooraa qabsoo oromoo keessa jiran keessaa inni kun isa guddaa dha.

ABO keessatti laafinii fi kufaatiin gara garaa yeroo mudachaa deemu, madda rakkoo ilaaluu irra gara nama dhuunfaatti quba qabuutu aadaa ta’e. kun ammoo jeequmsa irratti jeequmsa dhalchaa deeme. Laafinnii fi rakkoon dhaaba qabatee otoo jiruu, ciminaa fi jabina hin jirre ololaa fi ololchiisaa deemuun ammuma bubbulu rakkoon olaka’aa fi guddachaa deeme. Hoogganni ABO yeroo gara yerootti xiinxala bilchaataa fi gamaaggama ijaaraa gochuu dhabuu isaatiin QBO gara kooluu galtummaatti galchee jira. dhugaa kana hadhahus ofitti himuu qabna. Dhugaa kana oromoon yeroo baayyee irra deddeebi’ee dhaaba keenya ABO gorse jira. gargaarsa isa irraa eegamus nuffii tokko malee amma yoonaa ittuma jira. garuu hoogganni waanta ummati oromoo jedhuu fi namooti bilchaatoon akeekaa jiran fudhachuu irra yeroo hunda akka ofii sirrii ta’etti of amansiisee jira. kun ammoo aadaan akka ofii yaaddutti namni biraas akka yaadu tolfachuuf dham’uu dha. hoogganni bilchaataan kan ofii yaadu namni biraa akka gabbisu haala mijeessuu dha. aadaan akkanaa kun gabbachuu dhabuun rakkoon qabsoon qabdu akka ija banannee hin ilaalle nutolchee jira.

Rakkoo qabsoo mudatee jiru hundeen ilaalanii fala itti kennuu irra nama dhuunfaatti quba qabuun aadeffatamee jira. aadaan nama dhuunfaa balaaleffachuu fi quba walitti qabuu kun kan madde, fedhii fi aangoo dhuma hin qabne irraa madda. Aadaa akka ofii yaadaanitti namni biraas daangaa sana keessatti akka yaadu gochuu irraa dhufa. Aadaan yaada namaa gabbisuu mooraa qabsoo keessatti akka maseenu ta’ee jira. haalli kun ammoo qabsoo keenya haalaan miidhee jira.

Jaalalaa fi kabajaa ummati oromoo ABOf qabu gara humnaatti akka jijjiramu yoo barbaadame, dhimma nama dhuunfaa fi garee keessaa bahamee, jijjiramaa fi haaromsa qabsoon gaafatutti of makuu dha. jijjiramaa fi haaromsa qabsoon gaafatutti of makuun gootummaa fi beekumsa gaafata. Jijjiramaa fi haaromsa qabsoon gaafachaa jiru gurra dhoowwachuun rakkoo nama dhuunfaa ykn garee godhanii olola irraa marachuun kufaatii irratti kufaatii dabalachaa deemuu dha. kabajaa fi ulfina ummati oromoo dhaaba isaaf qabu gara dhimma dhuunfaatti geeddarachuu ta’a. qabsoo kooluu galtummaa irraa gara dachee oromiyaatti fiduu irra, baruma baraan hooggana harka nama biraan abidda qabachuu hawwu oomishaa deemna. Kan amma argaa jirrus kanuma. Tarii yeroon akkas jedhee barreessu namoota tokko tokko mataa dhukkubsuu fi haarsuu mala, haqni lafa jiru garuu kanuma. Kanaaf haqa jiru fudhannee falaaf wal tumsuu fi wal akeekuu dha.

Olollii fi maqa balleessiin dhuma hin qabne walirratti oofuun dhaaba keenya keessatti baratamee jira. kun aadaa badduu fi ongaahuu qabduu dha. muldhatii fi kallattiin qabsoo oromoo keessumaa kan ABOn gaggeeffamu ifatti gara injifannootti kan nugeessuu ta’uu qaba. muldhataa fi kallattii qabsoo miiraan ykn hawwii duwwaan jiran ykn lafa ka’aman otoo hin taane, kan hojiitti hiikamuu danda’an ta’uu qaba. yeroo tokko tokko haala qabsoon keenya irra jiru, wal mooksuuf fakkeenya qabsoo biraa wajjin wal fakkeessuu yaalla. Amallii fi haalli waltajjiin qabsoo oromoo irra jiru kan biraa wajjin wal fakkeessuuf yaaluun ammeenya qabaachuu baatus garuu, waanta nubira hin jirre ni jira jedhanii yaaduun garuu ammas rakkoo qabsoon keenya keessa jirtu sirnaan of amasiisuuf fedha dhabuu dha. hoogganni rakkoon qabsoon qabdu ofi amansiisuuf fedha hin qabne aangahaa dha melee hoogganaa miti.

Olola rakasha fedhaa fi dandeettii dhabiinsa hoogganaa irraa madden yeroo gareen wal qoonnee wal irratti oofnu bilchina qabsoo keenyaa fi dadhabbina hoogganni keenya ammas keessa jiru muldhisa. Yeroo tokko tokko burqaa fi madda rakkoo dhiifnee, damee isaa irratti yeroo dheeraa fudhanna. Fakkeenya gaarii kan ta’u, rakkoon qabsoo keenyaa: tokkummaa dhabuu, wal jala deemuu diduu, kaayyoo ganamaa ganuu, naannummaa, wal beekumsa, naamusa dhaabaa eeguu dhabuu, heeraa fi seera cabsuu, haarsaaf qophii ta’uu dhabuu, oromummaan dadhabuu, sabboonummaan dhibuu, rakkoo dinagdee, rakkoo geo-politics fi … Kkf kumaatama kaafnee madda falmii goona. Kana irraas darbee nama dhuunfaa akka rakkootti yeroo imatamu ykn yakkamu argaa jirra. Dhugaadha isaan kun hunduu rokkoo mooraa qabsoo keenya keessa jiranii dha. gahee mataa isaanii qabu malee, dadhabbana dhaaba keenyaaf murteessoo miti. Namni bilchinaan ilaaluu dadhabe calaqqisa rakkoolee kana akka hundeetti fudhata. Dhuma irratti fala argachuuf hin deeman. Isaan kun hunduu maddaaa fi burqaa rakkoo otoo hin taane, calaqisaa fi damee rakkoo ijoo ti.

Maddi rakkoo keenyaa hooggana jijjiramaa fi haaromsa qabsoon gaafatu yeroon xiinxalee fi hubatee malaa fi tasiimoo isaaf malu maddisiisuu dadhabuu dha. tokkummaan wal jala deemuun heeraa fi seera dhaabaa cabsuu fi kabajuu dhabuun kan dhufu, hoogganni haala waltajjiin qabsoo keessa jirtu sirnaan xiinxalee hubachuun yeroon fala itti kennuu irraa madda. Hoogganni yeroon gaaffii waltajjiin yeroo gaafatuuf deebii bilchataaa hin kennu taanaan, hunduu akka isaaf ta’etti gara yaaduutti ceha. hoogganan kan barbaachiseef namuu akka isaaf ta’utti yaaduu irra waloon yaada gabbisuuf akka gargaaruuf kallattii fi muldhata qabsoo yeroo gara yerootti gabbisaa deemuu dha. hoogganni kana hin godhu taanaan maqaa malee, hooggana haqaa of harkaa akka hin qabne beekuu qaba. qabsoo siyaasaa dhiisaatii jireenyi nama dhuunfaatuu rakkoo gara garaan kan marfamee dha. garuu bilchinaa fi beekumsaan mala itti barbaaduun garuu gahee hoogganaa ta’a. hoogganni qabsoo ammoo kan ittiin masakamuu qabu, akka ofii yaadutti qabsa’aan biraas akka yaadutti ijaaruu otoo hin taane, kan ofii yaade, qabsa’aan biraas gabbisee qabsoo furgaasuu ni danda’a kan jedhu of irratti amantaa horachuu qaba. hoogganni of irratti amantaa hin qabne yeroo hunda namoota isaa gadi yaadan malee, egeree qabsoof ta’an dhaaba keessatti akka guddatan ykn hirmaatan carraa hin kennuuf.

ABOn jaalalaa fi kabajaa ummata keenyaa gara humnaatti jijjiruuf ammas hoogganni isaa ololaa fi waanta madda rakkoo hin taane, irratti yeroo dabarsuu irra madda rakkoo of amansiisuu dha. hooggana jijjiramaa fi haaromsa qabsoon gaafatu ofitti fudhachuuf qophii ta’e uummachuu dha. akka amma ilaalaa jirrutti kaayyoo ganamaa fi galgalaa jechuudhaan olala dhuma hin qabnee fi rakkoo harkaa nuqabduuf xiqqoo illee kan fala hin taane irratti yeroo balleessuun barbaachisaa miti. Kan kaleessaa kabajuun, gabbisuun, faarsuun, ittiin dhaadachuun barbaachisaa dha. kan kaleessaan dhaadachuu fi faarsuun garuu waltajjii amma keessa jirruuf akka isaaf ta’utti yoo dhimma itti hin bane gatii hin qabu. tarii yeroof waliin walitti wacuuf ajandaa ta’uu mala. Rakkoo qabsoon qabdu fala kennuu keessatti garuu bu’aa tokko iyyuu hin qabu.

Jijjiramaa fi haaromsa qabsoon keenya gaafatu ija banannee ilaaluu danda’uu qabna. Miiranis qabsoo masakuun fafa irratti fafa dhalchaa deemuun ala oromoof gargaarsa hin qabu. guddinnii fi bilchinni siyaasaa oromoo amma irra jiru haalaan guddateera. Yeroo waanta namni tokko duwwaan jedhu dhaggeefatan otoo hin taane, kan waloodhaan qaban yeroo itti qindeessanii dha. murni ykn hoogganni tokko qaama biraa oromummaa fi qabsa’umaa yeroo itti kennuu fi irraa mulqu irra hin jirru. Hoogganni ykn qaamni akka ofii yaadutti namni biraas akka yaadu kajeelu, oromummaa, qabsa’ummaa, sabboonummaa, amanamummaa, gootummaa fi kaayyoo qabsoo namaaf kennuu fi nama irraa mulquu yaala. Kun dhaloota amma jiru biratti bakka hin qabu duwwaa otoo hin taane, murnootaa fi hoogganoota bifa kanaan yaadan, badii amma yoonaa qabsoo keessatti dhataniif ammam akka madda rakkoo ta’an hubata. Diinni keenya wayyaaneen tarsiimoo fi toftaa ittiin qabsoo keenya dadhabsiiftuu fi aangoo bittaa ishee itti fufsiitu al eddu jijjirtee jirti. Diinni keenya toftaa isaa yeroo gara yerootti jijjiraa kan deemu bara bittaa isaa dheeressuuf. Mooraan qabsoo oromoos yoo malaa fi jijjirama mooraa diinaa keessatti ta’aa deemu hubatee, qabsoo isaa daandii haaromsaa fi jijjiramaa hin qabsiifne, injifannoo akkuma hawwinetti afna. Kanaaf kun yeroon kan kennamuuf ta’uu hin qabu. Yeroo dheeraa balleessinee jirra.Kanaaf hoogganni QBO keessumaa kan ABO damee rakkoo irratti yeroo fixuu irra gootummaadhaan madda rakkoo hubachuuf gurra ummata oromoof ergisuun gaaffii yeroo ti.

* Camadaa Hundee: camadaa@gmail.com

Gabaasa Ayyaana Gootota Oromoo, Konyaa Atilaantaa 2013

$
0
0

Gadaa.com

Konyaan ABO magaala Atilaantaa Ebla 20, 2013 haaala miidhagaan Guyya Gootota Oromoo kabajee o’le.

Guyyaa kabajamaa kanaratti itti gaafatmaan kutaa baha USA J/ Abdeella Jowhar, goototni Oromoo J/ Aslii Oromoo fi J/ Aliyii Ibrahim, hayuun Oromoo Dr. Mohammed Hassan, fi Itti Anaa Hayyu Duree ABO J/ Bultum Biyyoo walduraa duubaan ibsa bal’laa Hawasaa Ormoo magaala Atilaantaa fi naannoo biraa irraa guyyaa kana kabajuuf ibsa ballaa kenan.


Walgahiin eebba Manguudootin banamee J/ Abdeellaan maliif guyyaa kana akka kabjunu Gootaa jechuun e’nyu akka tahee fi maliif akka wareegaman nutti hoo maal akka godhuu qabnu kaayoo isan kufaniif kaafnee bakkaan gahuun nuhi kan jiru dirqama lamumaa akka tahe hubachiisan. Dabalees Gootitiin Oromoo J/ Asliin goototni ilmaan Oromoo saba saaniif wareegama kafalanii fi kafalaa jiran fakeenyaaf jalan kufan maqaa isaani dhooftee akkataa itti wreegaman jagnumaa isaani yaroo ibsitu ummani mana guutu imimaan boyyudhan gadda isaanii yoo mulisan garaa biraan kayyoo isaan wregamaniif fi gumaa isaani kafaluun waan isaan dabraniif Bilisumma ummata Oromoo fi Oromiyaan alagaa jalaa hanga baatuutti harka walqabanee jaaramnee qabsaawu malee fali biraa akka hin jire hubachiifte gamachuu yaroo gabaabdutif fi dantaa mataa keenyaaf akka ummataa keenya hin dagane yaadachiiftee jirtti.

Kanuma gadi jabeesun J/ Aliyiin rakko ilmaan Oromoo biyya abbaa isaanir’ati fi mana hidhaa keesatti kumaan lakaawaman gidiraa isaani gahaa jiru yaroo ibsan haala suukanneesa kan ture yammuu tahu tilmamni Tigree ummata Oromoo lafa irra beleesuuf waan hidhatee kateef qabsoo teenya jabeesinee falmachuu malee falli biraa akka hinjiree hubachiisanii jiru.

Hayyichi Oromoo, Dr. Mohamed Hassan, seenaa Habashaa keesatti takka rakkoo karaa nagahaan furuun waan tahee yokiis godhamee hin beekamneef falli Oromoon qabdu biyya Humnaan sarbamee fi mirga akka ilmaa namaatti dhabe debisee gonfachuuf jabaate qasaa’u duwaa akka tahee yamuu ibsu ummani dhabatee harka rukutuun mirkaneese. Kanaaf jaaramuu walqabachuu tokko tahanii qabsawuu qofa akka tahe gad jabeesnii ummata hubachiisan ummani gabroome bilsa tahuu wantti isa dhorku akka hin jire jala sararuuadhan ibasan.

Maayiirati Itti Anaan Hayyu Duree J/ Bultum haala qabsoon teenya keesa jirtuu fi haala dhiheenyatti gartuun hamilee ummata Oromoo cabsuu fi Oromoon bilsa tahuu hin denda’u warra jju’u maali irra akka ka’anii fi maal akka hojachaa akka turan galmee hanga harraa gootowan Oromoo itti wareegaman Itiyoophiyaa jsaaruuf malee Oromoofi mitti wrra ja’an ummani Oromoo akka hubatan gootowan Oromoo – Oromiyaa Walaboomsuuf malee Itiyoophiyaa demokraaateesuf Impaayera qoybuuf akka hin tahin ibsanii akka qabsaawota keenya bira dhaabanu gaafatani jiru. Xumura’rati ummani qabsoo isaani jabeesuf gumaata horii (maalaqa) gamachiisa gumaachun qophiin xumuramee jira.

GGO - Atilaantaa 2013

GGO - Atilaantaa 2013

GGO - Atilaantaa 2013

GGO - Atilaantaa 2013

GGO - Atilaantaa 2013

GGO - Atilaantaa 2013

GGO - Atilaantaa 2013

GGO - Atilaantaa 2013

GGO - Atilaantaa 2013

GGO - Atilaantaa 2013

Oromo Nation’s New Generations with New Realities and Outlook

$
0
0

By Yaadasaa Dafa*

In this very short article, I would like to convey my persuasions on the Nation of Oromo’s new generations with new realities and outlook.

One may question oneself or others about … “What is new?” in the political hemisphere of the Nation of Oromia! Yes, on the surface, not much appears to have changed. Politically, the Nation of Oromia is still under Abyssinian colonization. The people of the Nation of Oromia is still unjustly harassed, imprisoned, tortured, and deprived and drived out of their own lands to accommodate the foreigners either from the neighbouring nations/nationalities, or from far oversees: in the face names of investment. The Abyssinian project to degrade, impoverish, and violate the basic and fundamental rights of the people of Oromia is proceeding with a fascinating speed and frequencies. But, on the other hand, the episodes of the true achievable journey for the Nation of Oromian freedom are just starting. The Oromo young generation is approaching their historical responsibilities from totally different angle. This is not what our respected founders of the Oromo Nation’s genuine struggle had envisioned. But, make no mistake, the differences in strategy and approach do not make or disqualify their ways of interpreting present realities, and commit to their strategic moves.

At any given Nation’s generational gap, historians, social scientists, politicians and the dominant elders often conceptualize the commitments of their new generations in a various determining venues. Yes, it is natural to be suspicious of their younger generations, and even some times to try to discredit them purposely, presumably when the younger generation vacillates and violets from the cornerstones of the established generational values of the Nation. Coming back to the Nation of Oromia, we need to evaluate, if this generation of mine (the older guard) has done all the possible scenarios to stimulate our younger citizens to carry on the torch towards the freedom of Oromia: the torch – that had been passed down to us from our dedicated elders like Gen. Tadasaa Biruu, Mamo Mazamir, Dr. Baaroo Tumsaa, Jaarraa Abbaa Gadaa, Elemo Qilixxu, Saartuu Yusouf, Arbii Miilii, … and the list goes and goes on. We truly need to ask ourselves whether we have stimulated proportional sufficient strategic formula for the freedom of the Nation of Oromia. In fact, you may independently answer this burning question depending on your own beliefs, commitments and dedications to the freedom of the people of Oromia.

It is always appropriate, positively engaging, and serves “in the best interest” of the people of Oromia to take timely corresponding measures. Therefore, please allow me to start my point with intimately relative questions. (1) Do you believe that we need to empower our Qubee/Qeerroo generation at this given time in our history? (2) Do we have to compete with the Qubee/Qeerroo generation for power? (3) Why do we fail to fully comprehend that “the ultimate power” belongs to the people of Oromia? My response to the first question is, YES. We absolutely need to empower the Qubee/Qeerroo generation, which is climbing on the enemy’s tanks singing “Maasaan gamaa lafa hinbaatu, talbaa facaafata ta’ati, Tokko du’e tokko hinnyaatu, wol gagaalafata ta’ati” … as well as discussing openly how the Habashes snatched our own lands and started to call their own seating in the Finfinee/Addis Ababa’s Municipality Hall, and all other Higher Education campuses of the country. My response for the second question is also on the same line. The formation of the Oromo Democratic Front (ODF) is great. But, does it have to be by the old guards? The mere presence of any of the old guards in any new Oromo or non-Oromo organization changes the total dynamics of the mission – how far convincing or beautiful it may appear on the surface! You be the judge, or the jury for my third (3rd) question.

Overall, I do believe, with all my heart, that the old guards need to retire respectfully. There are new realities, and we do have abundantly capable new generation, new ways of understanding, and new manners of approach – which my old brain may fail to comprehend its total picture, and the commitments it would entail to be victorious so as to serve “in the best interest” of the Oromo Nation. Furthermore, there are other realities as well – which could take the volumes of books to narrate entirely – why, going up to be in competition in the Colonial Ethiopia for the Colonial Palace, does not serve the best interest of the Nation of Oromia at this time. Our persistence and commitment had been tested; therefore, our dedication in serving the Nation of Oromia is not new to the Oromo people. Now, should we prove, once again, that our goal and lifelong commitment are to inherit Emperor Haile Silasee’s, Colonel Mengistu’s, and Meles Zinaw’s palace only? If so, the Nation of Oromia will dictate that you are on your own, and please, do not drag the whole Nation of Oromia in the pursuit of your own individualistic agenda.

Aslaam aleikum,

* Yaadasaa Dafa: yaadasaa@gmail.com

Illaa fi Illaamee

$
0
0

Qannoo Waaqjiraa irraa*

Qabisoon bilisumaa Oromoo ABO hogganamu yeroo ammati bu’a fi bahii heddu keessa darbee haala amma irra jiru irra gahe jira. Qabisoon saba hundaa bu’a fi bahi, akkasumas wareegama heddun gaafachuun isaa hin ooluu. Qabisoon sadarka xiqoo irra ka’e guddachaa deemuun sadarkaa fi galii barbachiisee irra ga’a. Haala akasii keessa darbanii bilisummaa ofii gonfachuun dirqama. Egaa qabisoon ABOn geggefamu kunis waggoota afurtama darbe keessatii injifannoollee gur-gudda galmeesiisa asi ga’era. Garu qaamootiin tokko tokko haala qabissoon kuni irra ka’e fi garamiti akka deemaa jiru osoo hin xiinxaliin qeeqa fi ceephoo kaasuun hin oolee. Qaamii ceephoo fi qeeqa kana kaasaa jiran eenyuu dhaa? Maaliif ceephoo akkasii kaasuu? Ceephoo isaan kaasan maalii irrati hundaa’e tii? Yoo ceephoo qabaatanii fi immo maalii fi tarkaanfii jabba fudhatanii qabisoo kana bakkan hin ga’an jenne gaafii kaasuun barbachissadhaa.

ABOn yeroo jalqabaa sabboontoota murasaan bu’ureefame sabboontoota horachaa deemuun sadarkka sabbonumaa sabi Oromoo irra jiru kana galmeesiseera. Harra ABO keesati rakkoon gara-gara haa mulatu malee qabissoon kun wareegama irra eegamu kafale asi ga’eera. Hanga bilisumaan Oromoo bakkan ga’utis qabisoo fi wareegamin itti fufa. Yeroo heddu namootii baayyeen qabisoon kun wagga dheera fudhate, maaliif sabin Oromoo hin bilisoomuu jedhanii gaafatu. Kun gaafii baayyee dogogoraadhaa. Qabisoo kam iyyu umurii dangesuu fi hin dandeenyuu. Kan godhamaa jiru qabissoodhaa waan ta’efi adeemissa isaa xumurate bakkan ga’a. Bilisumaan fedha duwa osoo hin taanee wareegama heddu waan gaafatuuf. Qaamootiin qabisoon kun umurii dheera fudhate jedhanii gaafatan ofii isaaniif immo hangam wareegama kafaluuf qophii akka ta’an hin beekamu.

Namootiin biraa immo qabissoo kanati gootota heddutu wareegamae jira, namoota heddutu hidhamee jira jedhanii waa’ee namoota wareegamanii fi hidhamaniin wal-qabissianii ceephoo kaasuu barbadu. Haata’u garu wareegamii barbachissaa kafalamuun akka hin oolee fi gara duratiis akka kafalamu beekuun barbachiisaadhaa. Osoo wareegama hin kafaliin bilisumaa goonfachuu yaaluun gowumaadhaa. Kanaafiis hundumiti keenyaa akka jaarmiyyatiisi ta’e akka sabatii sadarkaa hubanaa qabisoofi qabinuu fi fedhii nuti qabinu haala adeemissa qabisoo saba tokko fi godhamu irrati illalchisee hirina qaba. Hirini kun garu yeroo eegata fooya’a deema malee batala tokkoti sabini Oromoo hubanaa tokko irra ga’u hin danda’u. Akkuma kaleessa qabissoon keenyaa sadarka xiqoo irra guddachaa deemee asi ga’e yeroo fudhatee galiin ga’un hin ooluu. Kuni immo murannoo jabba barbada. Namootiin baayyeen bilisumaa ni barbadu garu wareegama hin barbadan. ABOn qaamaa dhokata akka saba Oromoo bilisummaa Oromoo bakkan ga’ufi dirqami itti kenamegodhanii kan illalan jiru ABOn maaliifi dhufee bilisa nun baasuu jedhanii gaafachuun hirrina gudaadhaa. Garu kara kam dhaaba kana wajjin dhaabadhee bilisumaa saba koof qabissa jedhanii yaaduun garu dhaabi kun akka jabaatu godha. Namoota biraati immo ABO paarlaama Oromoo godhanii kan illalan hin dhiban. Waan harkka baasanii namoota dhaaba kana geggesan filatanii fi qabisoo isaan geggessa jiran ga’a hin taanee jedhanii ceephaa’an guutanii jiruu. Keesumaa yeroo ammati jechoota akkasii bareefamaniisi ta’e dubbii afaanii baayyee dhageenyaa. Akkasumas ABOn bilisumaa bakkan ga’u hin dandeenyee jedhanii dhaaba kana irra foxoqanii qabisaa’uu fi murteefatan jiru. Gaafiin jiru garu dhuguma bifa kanaan bilisumaa arriitiin fiddu danda’u jedhanii gaafachuunis gaariidha. Hundumaafuu qaamoota kana fi yeroo kenanii illaluu irra kan hafe carran biraan hin jiru. Yoo dhugumaan danddeetii isaa godhatanii Oromoo bilisoomissan gaariidhaa. Kana ala garuu gaafa waggan dabala deemuu isuma harra jedhamu kana jedhamuun hin ooluu.

Qabisoon bilisumaa Oromoo ABOn geggefama jiru adeemissa irra jira, adeemissa kana keesati dogogora fi rakkon guddan mulachaa tureera, harras mulachaa jira. Dogogorii fi rakkon Kun garu qabisoo bilisummaa keenya hin daangeesuu. Yoo dhuguma muranoo fi jaalala qabisoo kanaf qabaanee dogogorra fi rakko dhaaba keenya mudachaa ture fi jiru itti dirmanee sireesuu qabina malee ceephoo ofuu duwan furmaata hin argamisiisuu. Yoo calisinnee ceephoo qofaa adeemisifina ta’e hojjii diinumaa hojjachaa jira male qabsoo irra hin jiru. Keesumaa yeroo ammati tekinoolojjii bara isa ta’e interneetatii gargaramuun ceephoo fi olola hin taanee waa’ee rakkoo qabisoo keenya muddate irrati yaada diigumissa barresuun namoota tokko tokkofi gootuma itti fakkata. Haalii akkasii garu hangam qabisoo kana akka miidha jiru yaaduun barbachisaadhaa. Wanttootiin baayyee saba keenya jala dhokate hin jiru, eenyuu akka sabboonaa ta’e fi akka siriiti qabisaa’a jiru, eenyuu immo afaaniin akka odeesuu bareechee beeka. Eenyuu immo hojjii diinumaasi akka hojjetu beekamaadhaa. Kani immo walalumaan olola hin taannee adeemisisaanis jiru. Warra akkasiif barumissa isaan barbachiisa. Warra beeka diigumissa saba keenya gidduti facaasan garuu seenan guyya tokko isaan gaafata. Yoo issan arguu baatan illee ijjoolleen isaanii ittin ceepha’amuun hin ooluu. Kanaafiisi qabissoon keenyaa haa ariifatusi haadheeratus waan nuirra barbachisu gochuutu nurra jira.

Wareegama babachissa kafaluu qabina. Yoo bara keenya keesati milkaa’uu dhaa baanee dhalee keenyaafi qabisoo kana dhaalsiisuu qabina. Warri harra diina bira goranii saba isaanii miidhaan guyya tokko itti qaana’uun hin ooluu. Dhalii ofii seena fokkissa dhaalsiisuun irra waan jibissisan hin jiru. Abban koo diina birra goree saba isaa midhaa ture jedhamu irra osoo saba isaa fi qabisaa’uu wareegame jechuu wayya. Harra OPDOn bu’a diinoota irra argatun ofii walaaltee dhala ishee seena hin taannee dhaalsiisa jirti. Kanaafiis dhalootii abbootiin issanii OPDO ta’an seena fokkisaa akkasii dhaaluu hin qaban. Abbotii isaanii irrati finciluu qabu.

Walummaa galati adeemissii qabissoo bilisumaa Oromoo bu’a bahii heddu kessa darbe as ga’era. Borisi rakkon heddu keessa darbuu keenya hin ooluu. Wareega gudda kafaluun keenyas hin ooluu. Kana ofii keenya amansiisuu qabina. Qabisoon keenya kunis wagga dheera fudhachuu mala. Kun hundumitu garu boodeetii nu hin deebiisuu. Guyya tokko diinootiin keenya biyya keenya huminaan qabatan gadhiisuun hin ooluu. Oromoon immo abba biyya ta’e biyya isaa bulchuun hin ooluu. Kanaa fi immo ofii keenya kara hunda ofi qopheesuu qabina. Tokkumaan saba keenyaa barbachissa dhaa. Wal-gorfachuu fi wal-kabajuutu nu irra jirra. Namoota qabisoo kanati dadhabanii fi qabisaa’a jiran jajjabeesuu fi kabajuu qabina. Qabissoo keenya kan dheeresuu fi kan gabaabisuu danda’u nu mataa keenyaa. Ammas abdii hin kutanuu, qabisoon keenyaa itti fuffa!

IUOf

* Qannoo Waaqjiraa: kewakjira@yahoo.com

Muktar Usman & Hirphaa Ganfuree – Legends of Cultural and Modern Oromo Music – Proudly Presented by Hegeree Media and OPride.com – July 4th @ Oromo Soccer Minneapolis 2013

Kadir Seid – LIVE IN CONCERT – July 3rd @ Oromo Soccer Minneapolis 2013


Oromo-Norwegians Stage Protest Against Neo-Neftegna TPLF in Oslo – 11 Arrested for Civil Disobedience

$
0
0

Gadaa.com

According to a Norwegian paper dagbladet.no and Google Translate service, Oromo-Norwegians protested against TPLF officials who were holding a meeting at the luxurious 4-Star Radisson Blu Scandinavia Hotel in Oslo, Norway, on April 28, 2013. The paper also said 11 were arrested for a short-period for civil disobedience, a form of nonviolent protest.

The Neo-Neftegna TPLF, which has been militarily occupying Oromiyaa since 1991, was forced to cancel its meeting. TPLF is using the overseas meetings to divert the attention from the ongoing land-grabs (farmland thefts), deforestation and gross human rights violations, including lack of press freedom, in Oromiyaa and elsewhere in the colonized South in the Ethiopian empire.

More coverage here:
- The Gulele Post
- Ayyaantuu.com

Gadaa.com

Waamicha Walga’ii WWDO

$
0
0

Walga’iin WWDO idleen Dilbata Caamsaa 5, 2013, waaree booda sa’aa 6:00 irraa eegalee gaggeeffama. Sirna walga’ii keenya irratti qophiileen bashannansiisoo fi wal-barsiisuu ni dhiyaatu.

Kanaaf, dargaggoonni Oromoo Washington DC fi naannooshee jiraattan walga’ii keenya irratti argamuun yaalii dargaggoonni Oromummaa dagaagsuuf gochaa jiran akkasumas inaaffaa guddina uummata keenyaaf qabnu mul’isuu irratti nu wajjin akka hirmaattan waamicha keenya isiniif dabarsina.

Qophii keenyatti bashannanaa walbira jiraachuu keenya haa muli’fnu!
Dargaggoon Oromoo Irree Oromiyaati!

Bakki:
Jaarmiyaa Hawaasa Oromoo,
6212 3rd Street, NW,
Washington, DC 20011

Koree gidduu WWDO (Waldaa Walgargaarsa Dargaggoota Oromoo) irraa

Dr. Ali Mohammed Birra’s Golden Jubilee – 50th Anniversary in Oromo Music – July 4th @ Oromo Soccer Minnesota 2013

Cuunfaa Tarkaanfiilee WBO Bitootessaa-Ebla bara 2013 | Summary of OLA Actions in March and April 2013

$
0
0

The following is a summary of OLA actions; the summary in Amharic can be read here.

Gadaa.com

Irree fi gaachana ummata Oromoo kan tahe gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo baatiilee lamaan dabran, jechuun, Bitootessaa fi Ebla keessa kutaa Oromiyaa gara garaa keessatti diina irratti tarkaanfii fudhatu jabeessee itti fufeera. Tarkaanfiilee kanaanis ajajootni fi qondaalotni olaanoon kan keessatti argaman diina irraa kudhanoota heddu hojiin ala yoo godhu meeshaalee waraanaa fi loojistika diinaa guddaas booji’uun qabeenyaa QBO taasiseera, kaampii waraana diinaa tokko barbadeesseera, konkolaataalee dabalatee qabeenyaa diinaa gariis daaraa godheera. Kana malees waytuma tarkaanfiilee kana fudhatu bakkoota garii guyyaataaf toyachuun alaabaa ABO fannisee ummataaf barnoota dammaqiinsaa laateera. WBOn tarkaanfiilee waraanaa kana yoomii fi eessatti akka fudhate itti aanee dhihaata.

Bitootessa 1, bara 2013 – Harargee Dhihaa
Humni Addaa Waraana Bilisummaa Oromoo Baha Oromiyaa keessa sosso’u guyyaa eerame kanatti magaalaa Mulluu keessatti tarkaanfii haleellaa halkan keessaa saáa 2tti Waajjira Milishaa Wayyaanee magaalattii keessatti argamu irratti fudhate. Tarkaanfii kanaan qawween kilaashinkoov 6 fi rasaasni 20,000 ol tahu, booji’amee qabeenyaa QBO taasifame. Hidhatoonni sirnichaa kanneen waajjiricha eegaa turan kan maqaan isaanii Ahmad Gaab fi Adawwee Jaamaa Iddoo jedhaman waytuma kanatti booji’amanii toyannoo WBO jala oolaniiru.

Bitootessa 2, 2013 – Wallagga Bahaa
Humni Addaa WBO Dhiha Oromiyaa keessa sosso’u guyyaa eerame kanatti basaasa Wayyaanee maqaa investerummaatiin naannicha keessa sosso’ee ilmaan Oromoo hedduu sobaan yakkee ajjeechisaa fi hiisisaa, akkasumas qabeenyaa isaanii maqaa golglaa inversterummaatiin saamaa ture du’aan adabe. Basaasni Wayyaanee Mitikkuu Atsbahaa jedhamu kun onoota Giddaa Ayyaanaa fi Guutoo Giddaa keessa deddeebi’uun hojii diinummaa isaa kan raaw’ataa ture yoo tahu, guyyaa eerame kanatti tarkaanfii WBOn naannoo laga Angaritti irratti fudhateen ajjeefamee jira.

Bitootessa 6, 2013 – Wallagga Bahaa
Ona Giddaa magaalaa Guutin keessatti WBOn kuusaa boba’aa kan qabeenyummaan isaa dabballoota Wayyaanee Tasfaayee Kabbadaa fi Hurii Alamaayoo jedhamanii tahe irratti tarkaanfii haleellaa fudhachuun barbadeesse. Dabballoonni wayyaanee lamaan kun naannicha keessatti ummata nagaa doorsisuudhaan bahaa fi gala dhorkaa kan turan yoo tahu gochaa isaanii irraa akka of qusatan yeroo adda addaatti gorfamanii waan dhagahuu didaniif tarkaanfiin kun akka irratti fudhatame ajajni WBO godinichaa beeksiseera.

Bitootessa 9, 2013 – Wallagga Bahaa
Humni waraana Wayyaanee dhalattoota sablammii Gumuz hidhachiisee Oromoo irratti bobbaasuuf osoo qophii taasisaa jiruu kan irratti dammaqe Humni Addaa WBO guyyaa eerame kanatti tarkaanfii laalessaa humna Wayyaanee irratti fudhate. Tarkaanfii kanaanis kaampii diinni humna isaa fi meeshaalee waraana isaa itti kuuffatee ummata Oromoo rukuchiisuuf qophaawaa jiru guutummaatti barbadeessee jira. Kaampiin kun godoo 28 kan qabu yoo tahu hundumtuu tarkaanfii kanaan barbadeeffamuun mirkanaawee jira. Tarkaanfii kanaan kan rifate humni waraana Wayyaanee ummata irratti haluu bahuuf jecha waraana isaa magaalaa Naqamtee irraa gara naannichaatti bobbaasuuf yaalii godhus hin milkoofne. WBOn onoota Giddaa fi Limmuu gidduutti bakka Abuyyee Koo Batatoo jedhamuttu daandii konkolaataa cufuun akka waraanni diinaa of duuba deebi’u dirqisiisee jira. Ummanni naannoo tarkaanfii WBO kanatti garmalee gammaduudhaan deeggarsa isaa agarsiisaa jiraachuunis beekameera.

Guyyuma eerame kanatti Wallagga Bahaa ona Haroo Limmuu fi naannoo Beenishaangul gidduu bakka Gabaa Ayyaanii jedhamutti Humni Addaa WBO tarkaanfii haleellaa fudhachuun dabballoota Wayyaanee lama du’aan yoo adabu sadi ammoo madeessee jira. Dabballoonni Wayyaanee tarkaanfii kanaan galaafataman Daani’eel Siyyum fi Asaffaa G/Tsiyoon kan jedhaman yoo tahu kan madeeffaman ammo Taayyee Abbabaa, Araarsaa Amsaaluu fi Taaddelee Gabayyoo kan jedhamanii dha. Konkolaataan dabballoonni kun ittiin sosso’aa turan kan lakkoofsi gabatee ishee A.A.05726 taates waytuma kana faayidaan ala godhamteetti. Dabballoonni diinaa kunniin sabaa fi sablammoota ollaa Oromiyaa hidhachiisuudhaan Oromoo irratti duulchisanii yakka hamaa kan raaw’ataa turan tahuun mirkanaayeera.

Bitootessa 14, 2013 – Finfinnee
Humni Addaa WBO giddu gala Oromiyaa keessa sosso’u kan maqaa Risaa jedhamuun beekamu guyyaa eerame kana galgala keessaa sa’aa 8:30 irratti Finfinnee keessaa naannoo Boolee bakka Kondominiyeemii Caffee jedhamutti tarkaanfii fudhateen loltuu diinaa lamaa fi lukkee tokko, walumatti 3 yoo ajjeesu 8 ammoo madeessee jira. Sirni Wayyaanee tarkaanfii kanaan rifate waan qabatuu fi gadhiisu wallaalee ummata nagaa goolaa jiraachuun beekameera.

Bitootessa 14, 2013 – Shawaa Kaabaa
Guyyaa kanatti godinaa Shawaa Kaabaa ona Jiddaa magaalaa Sirxii keessatti Risaan halkan keessaa saáa 11 irratti tarkaanfii haleellaa fudhateen miseensota poolisa Wayyaanee lamaa fi hidhataa magaalaa sanii kan tahe nama Eliyaas Tolchaa jedhaman du’aan adabee jira. Jarri kun warra ummata naannoo hiraarsuun beekamuu fi gorsa lammii dhagahuu didanii gochaa hammeenyaatiin itti fufan tahuun mirkanaawee jira.

Bitootessa 25, 2013 – Wallagga Bahaa
Wallagga Bahaa ona Saasiggaa bakka Soogee jedhamutti WBOn tarkaanfii fudhateen hidhattoota diinaa ummata naannoo hiraarsuun beekaman lama battalumatti yoo ajjeesu tokko ni madeesse. Hidhattoonni diinaa du’aan adabaman Kaffalee Taaddelee fi Ayyaaleew Abebaaw kan jedhaman yoo tahu, kan madeeffame ammoo Mokonnin kan jedhamu tahuun beekameera.

Ebla 4, 2013 – Wallagga Bahaa
Humni Addaa WBO godinaa kana keessa sosso’u tarkaanfii diina irratti fudhatu jabeessee itti fufuun guyyaa eeerame kanatti onoota Haroo Limmuu fi Yaasoo gidduutti bakka Luugoo Booqaa jedhamutti haxxee hidhuudhaan qondaalota waraana Wayyaanee konkolaataa Patrol lakkoofsi gabatee isii Oro-01286 tahe koranii sosso’aa turan haleele. Haleellaa kanaanis diina irraa lama ajjeefamee afur madeeffamuun, akkasumas konkolaataan ittiin deemaa turan tarkaanfii kanaan hojiin ala tahuun beekameera. Qondaalonni waraana Wayyaanee tarkaanfii kanaan ajjeefaman lamaan Damballaash Ataakiltii fi Fissehaa W/Sillaasee kan jedhaman yoo tahu kanneen madeeffaman afran ammo maqaan isaanii yeroof hin beekamne.

Ebla 5, 2013 – Harargee Dhihaa
Ona Mi’eessoo naannoo Burii Tumtuu jedhamuun beekamutti WBOn humna diinaa irratti tarkaanfii haleellaa fudhateen diina irraa 3 ajjeesee 5 madeesse.

Ebla 8, 2013 – Harargee Bahaa
Humni Addaa WBO godinaa Harargee Bahaa ona Mayyuu Mulluqqee naannoo Husee jedhamuun beekamutti duula taasiseen magaalaa Huusee Ebla 8 irraa qabee torbaan tokkoof toyannoo isaa jala oolchuudhaan ummata naannootiif barnoota dammaqiinsa siyaasaa laachuu ajajni WBO godinichaa beeksiseera. Tarkaanfiin kun ummata naannoo haalaan gammachiisuun akka isaan daranuu WBO cinaa hiriiran taasiseera.

Ebla 17, 2013 – Harargee Dhihaa
Guyyaa kanatti Harargee Dhihaa bakka Gujee ja’amutti Humni Addaa WBO tarkaanfii laalessaa fudhateen diina irraa 7 ajjeesee 5 madeesse. Guyyuma kana ammaas Harargee Dhihaa Ona Mi’eessoo magaalaa Asabootitti lukkee diinaa tahuun kan ummata rakkisaa ture nama Rahamatoo jedhamurratti tarkaanfii fudhateen duáan adabee jira.

Ebla 20, 2013 – Wallagga Bahaa
WBOn ona Haroo Limmuu bakka Sugee jedhamutti kan argamu buufata poolisaa 2ffaa Waajjira Poolisa ona sanii irratti haleellaa taasiseen waajjira poolisichaa gartokkee yoo barbadeessu miseensa poolisaa hojii farrummaa irraa deebi’uu dide tokkos akka hamaatti madeesseera. Miseensi Poolisaa Malkaamuu jedhamu kun namoota nagaa qabee sobaan yakkee hiisisuun kan beekamu tahuun mirkanaaweera.

Ebla 21-22, 2013 – Shawaa Kaabaa
Guyyoota eeraman kana lamaan keessatti WBOn Shawaa Kaabaa keessa sosso’u tarkaanfii humna diinaa irratti fudhateen qondaalota gurguddoo dabalatee loltoota diinaa 12 ajjeesee kanneen biroo hedduu madeesse. WBOn Ebla 21, 2013 ona Dagam magaalaa Qurquraa keessatti tarkaanfii haleellaa fudhateen loltoota Wayyaanee 7 battalumatti ajjeesee kanneen biroo madeesse. Loltoota ajjeefaman kana keessattis qondaalonni waraana sirnichaa kan keessatti argaman yoo tahu, kanneen keessaas: Ajajaa 50 Siisaay Habtee, Ajajaa Kudhanii Zawgee Warquu, Hayiluu Dassaalany, Geetuu Zawudee fi Afawarqii W/Maariyaam kan jedhaman warra maqaan isaanii beekamee dha.

Haaluma walfakkaatuun WBOn Shawaa Kaabaa keessa sosso’u Ebla 22, 2013 naannoo laga Jamaa bakka Silmii jedhamutti tarkaanfii haleellaa fudhateen Ajajaan dhibaa sirna Wayyaanee maqaan isaa Beqqalee Damissee jedhamu kan keessatti argamu loltoota sirnichaa 4 ajjeesee jira. Ummanni naannoos tarkaanfii WBO kanatti gammaduun deeggarsa waraana isaaf qabu daranuu akka jabeessaa jiru mirkanaaweera.

Ebla 25, 2013 – Harargee Dhihaa
WBOn Oromiyaa Bahaa keessa sosso’u haleellaa diina irratti geggeessu itti fufuudhaan gaafa Ebla 25, 2013 naannoo Mulluu fi Mi’eessoo jidduu bakka Ciqirtii jedhamtutti humna diinaa ummata Oromoo hiikkachiisuuf bobbaée argamu haleele. Haleellaa kanaanis diina irraa tokko ajjeesee tokko madeessuudhaan kaayyoo humni diinaa bobba’eef san gufachiisuu ajajni WBO godinichaa hubachiiseera.

Walumaa galatti abdii fi gaachana ummata Oromoo kan tahe Waraanni Bilisummaa Oromoo ammas godinaalee Oromiyaa gara garaa keessatti tarkaanfii humna diinaa irratti fudhatu jabeessee itti fufuun diina Oromiyaa irraa haxaawee biyya abbaa isaa walaboomsuuf murannoon sosso’aa jiraachuu Ajajni WBO walii galaa hubachiiseera.

Injifannoo Ummata Oromoof!

From Archives:

Ibsa Ejjennoo Bakka Bu’oota Qeerroo Bilisummaa Oromiyaa Godina Iluu fi Jimmaa

$
0
0
Gadaa.com

(Qeerroo.org) – Nuti bakka bu’ootiin Qeerroo Bilisummaa godina Iluu Abbaa Booraa fi Jimmaa Ebla 26/2013 walitti dhufuun haalaa yeroo qabsoo bilisummaa Oromoo fi doorsisaa fi dararaa mootummaan Wayyaanee baratootaa Oromoo Yuunivarsiitiilee garaagaraa keessaatti adeemsisaa jiruu fi addaatti immoo Wayyaaneen xiyyeeffaannaa baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa, Amboo fi Finfinnee irraatti taasisaa jiruu ilaalchisuun marii bal’aa godhannee milkiin xummurachuun Ibsaa Ejjeennoo itti anuu fudhanne.

1) Gochaa mootummaan Wayyaanee sochii warraaqsaa baratootaa Oromoo danquuf mooraa baratootaa Oromoo Oromummaan yakkuun hidhuu, doorsiisuu, barnotaa irraa arii’achuu fi ajjeessuu akka toftaa itti fudhachaa kan jiruu attaamaan dhaabuu qaba. Akeeknii mootummaa Wayyaanee kun kayyoo keenyaa irraa kan nu hin laaffisnes ta’uu firaas diinaas ni hubachifna.

2) Torbee kanaa keessaa doorsiifni mootummaa Wayyaaneetiin baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa nagaan barnotaa isaanii barachaa jiranii fi baratootaa Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti barnotaa isaaniitiin illee qabxii ol aanaa galmeessaa jiran baratootaa Oromoo 7 irraattii gaggeeffaamaa jiruu, atattaamaan dhaabbachuu qaba.

3) Qabsoon goototni ilmaan Oromoo bilisummaa uummataa keenyaa fi walabummaa Oromiyaaf gaggeessaa utuu jiranii lubbuu itti wareegamaan fiixaan baasuuf:-

a) Ilmaan Oromoo tokkummaa keenyaa jabeeffaachuun bakka jirruu hundaattii jabeessiinee wal haa ijaarru.

b) Maqaa Ummaataa Oromootiin Jaarmiyaa Siyaasaa Omishuun bu’aan isaa uummataa keenyaa waanjoo garbummaa jala tursuu fi umrii abbootii irree dheereessuu qofa ta’uu beektotaa Oromoo ni hubachiifna.

c) Gidduu kanaa karaa ilmaan Oromoo biyyaa ambaa jiraaniin fi hoggaantootaa fi miseensotaa ABO duraaniitiin dhaabnii haaraan hundeeffaamee jechuuu dhageenya, dhaabni kun qabsoo uummataa Oromoo lamsheessuu fi umrii bittaa garbummaa Oromoo irraatti dheeressuuf itti yaadamee kan hundeeffame ta’uu ni hubanna, keessaattuu Itoophiyaa ijaarraa jechuun kan dhaadataan maqaa Ummataa Oromootiin dhaadachuu dhaabuu qabu, guyyaa tokkoo miseensotni dhaabaa ADO ofiin jedhuu kun itti gaafatamaa seenaa fi seeraa jalaa ba’uu kan hin dandeenyee ta’uu ni hubachiifna, ilmaan Oromoo nagaan biyyaa Ambaa jirattaan utuu hin beekiin akeekaa kana keessaatti qooda fudhachaa kan jirtaan atattaamaan harkaa keessaa akka baafattaan ni dhaamna.

d) Uummaannii Oromoo biyyaa keessaa fi biyyaa ambaa jiraatnu ololaa fi afaan faajjii wayyaanotaa fi gorsiitotaa Wayyaaneetiin qabsoo bilisummaa Oromoo irraattii gaggeeffaamaa jiruu fashaleessuuf jabeessiinee dhaabaa kaayyoo dhugaa kaleessaa ilmaan Oromoo irraatti wareegaman hin jijjirree ABO jalatti wal ijaaruun tokkummaa keenyaa jabeeffaachuun qabsoo:

e) Yeroo irraa gara yerootti bifa qindaa’een qabsoo FDG biyyaa keessaattii jabeessinee itti fufna.

f) Qabeenyaa , beekumsaa , humna fi waan dandeenyuu hundaan WBO ni jajjabeessina.

4) Mootummaan Abbaa irree EPRDF sodaa guddaa keessaa seenuun Mooraa Yuunivarsiitiilee biyyaatii keessaa jiran human waraanaa fi dabbalotaan eeguu irraa darbee baratootaa goolaa jira, kun immoo biyyaa keessaa jiratuu keessaattii lammiileen biyyaatii mirgi nagaan barachuu sarbamaa jira, Addaattii immoo ilmaan Oromoo miseensaa fi jala deemtuu wayyaanee hin ta’iin mirgii namummaa fi barnootaa irraa mulqamee akka lammii lammaaffaatti ilaalamuun galgalaa ganamaa qoratama, wayyaanotaan hordofamaa jiraachuun saxilamee jira, hallii kun wayyaanee kufuuf raafamaa jirtuu kufaatii wayyaanee kan ariifachiisuu ta’uu hubachiisuun mooraa Yuunivarsiitilee biyyaattii keessaatti gaffii mirgaa barnootaa fi bilisummaa sarbamuu ilaachiisuun FDG wal irraa hin citnee gaggeessuun jabeessiinee ni hojjeetna. Kanuma waliin mooraan Yuunivarsiitiis beektotaa fi hayyootaa Omishaa turtee amma dabbalotaa wayyaanee Omishuutti xiyyeeffaattee jirtuu atattamaan dhaabuu qabdii.

5) Biyyaa keenyaa Oromiyaa keessaattii midhaa fi dhiibbaan Mootummaa EPRDF’n gaggeeffaama jiru hedduu jabaachaa jira, qotee bulaan Oromoo qotatee of jiraachiisuu dadhabaa jira, Xaa’oo yeroon hin argatuu, yoo argatees, xaa’oon karaa Abbootii qabeenyaa wayyaanee dhiyaatu gatiin isaa human qotee bulaa olidha, kaffaltiin gibiraa, buusiwwaan fi kanfaltii taksii fi qaraxaa dachaan dabaluun uummaannii keenyaa dararamaa jira, rakkoo uummataa keenyaa kanatti furmataa gochuunf uummataa keenyaa cinaa dhaabbaannee, gaffii mirgaa:-

a) Laftii kan qotee bulaatii, qotee bulaa Oromoof mirgii abbaa lafummaa haa kabajamuu.

b) Xaa’oon qotee bulaa keenyaaf karaa mootummaa haa dhiyaatu,

c) Kaffaltiin gibiraa, qaraxaa, fi busiin taksii humnaa olii qotee bulaa irraa kafamuu qaba,

d) Maqaa investimentii jedhuun Oromoo qee’ee irraa buqqisuun dhaabbaachuu qaba jennee , rakkoo ummaataa keenyaaf furmaataa fiduuf uummataa keenyaa ijaaruun FDG ni gaggeesina, sagalee uummataa keenyaas addunyaa ni dhageesifna, uummaannii keenyaa tokkummaan harkaa wal qabannee wal wajjiin haa kaanu jechuun marii haala yeroo irraatti gaggeeffatan milkiin xummuratan.

Injifannoon Ummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

- Qeerroo.org

Siyaasa gantummaa fi gartummaa to’achuun tokkummaa moraa qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) dhugoomsa

$
0
0

Zakaariyaas Mulataa fi Malkamuu Jaatee | Caamsaa 2013, Oromiyaa

Seensa
Umamaan ummati Oromoo tokkicha ta’uun ni beekama, sababii ummati Oromoo afaan tokkicha, senaa fi aadaa baroota dheraaf walitti jiru, fi tessuma lafaa waliqabatee irra jiratuuf. Kanafuu ummati Oromoo, akkuma saboota adunyaa kana kessa jiranii, sab-lamummaa (enyummaa) umameef safeefachun tokkomee baroota dheraaf walii wajjin jiraate. Garuu ummati Oromoo akkuma ummatoota adda addaa dhaloota latiinsa sanyii, tessuma lafaa, ilaalcha waaqefannaa, hawaasummaa, fi kkf maraan gosoota heddutti adda ni qodaama. Qodumsi seera umamaa fi dhalotaa hundeefate kun rakkina fidee hin qabu.

QBO deggeruudhaaf garaagarummaa jirutti sirnaan fayyadamuudhaan hojii QBO deggeruu fi milkessun ni barbaachisa. Barruun kun odeefannoo barruu Adolessa 2011 mata duree “Qabsoo bilisummaa Oromoo takaalu kessatti qooda siyaasa gantummaa fi gartummaa” jedhamuun maxanfame irratti hundaawa. Kayyoon barruu kanaas gaafilee armaan gadii sadan xinxaluuf. Hubachuuf barresaan barruu kanaa hayyuu siyaasaa fi Seenaa Oromoo miti. Garuu seenaa siyaasa QBO arguu, dhaggefachuu, fi dubbisuu irraan barataa jira.

READ MORE (pdf)

Recently Discovered/Submitted Websites


Fire destroys UNESCO-registered coffee forest (Yayu Forest)

$
0
0

(OPride.com) … According to eyewitness accounts, the blaze has scorched an estimated 50 to 80 acres of the thick coffee forest. “Such fire has never happened before in the history of the Yayu forest and the knowledge of the people living in the area,” one Yayu resident, who asked not to be named, told OPride.

Full Story (OPride.com)

Saliha Sami, Amartii Warii and Habtamu Lamu – LIVE IN CONCERT – May 18, 2013 – Calgary, Canada

$
0
0

Victoria Day Music Show on Saturday, May 18, 2013, by Oromo Artists Saliha Sami, Amartii Warii and Habtamu Lamu in Calgary, Canada, at the Rundle Community Hall (2409 50 St NE – Calgary, AB) – Accompanied by Yoseph. For more info, contact 587-707-0223.

SalihaHabtamuAmartii2013May

June/Waxabajjii 15, 2013: SBO/VOL Silver Jubilee – 25th Anniversary On Air! | Jubilii Meetii (Waggaa 25ffaa) Tamsaasa SBO!

$
0
0


Gadaa.com

Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO)/Voice of Oromo Liberation (VOL) will mark its 25th anniversary on 15th June 2013. Launched on June 15th 1988, SBO/VOL has been contributing a lot in the long journey of the Oromo struggle for freedom, despite several relentless attempts of the enemy to quit the media. This quarter-a-century contribution of SBO in informing, organizing and agitating the Oromo nation for the struggle to self-determination enables the OLF organ the first Oromo media launched to entertain Oromo cause.

It is our great pleasure to celebrate this historical Silver Jubilee with our people in Oromia and around the world. You are all invited to take part in this historical celebration, being in your localities. We are so grateful to those who have made unforgettable contributions to keep SBO staying on air to this very day. Your contributions to make this celebration successful and still keeping the radio on air in the future (by donating money, sharing idea and forwarding your constructive comments or suggestions) are much appreciated.

Contact us:
Email: sbo.radio88@gmail.com
Victory to the Oromo People!
SBO/VOL Editorial Board

————————–

Sagaleen Bilisummaa Oromoo (SBO) waggaa 25ffaa tamsaasa raadiyoo itti eegale Waxabajjii 15, bara 2013 kabajata. SBOn guyyaa itti hundeeffame, Waxabajjii 15, bara 1988 irraa qabee hanga har’aantanaatti adeemsa qabsoo dheeraa keessatti carraaqqii qilleensa irraa dhaamsuuf diinni taasisu hundumaa dandamatee gumaacha oláanaa waliin waggaa 25ffaa isaa kabajuuf qophaawaa jira. Kurmaana bardhibbee tokkoof ummata Oromoo barsiisuu, ijaaruu fi qabsoo hiree murteeffannaaf kakaasuudhaan gumaachi SBOn taasisaa yoona gahe arraata ABO kana meediyaalee dhimma qabsoo Oromoof hundaawan kamuu keessaa isa hangafa taasisa.

Jubilii Meetii (Waggaa 25ffaa) guyyaa hundeeffama keenyaa kana ummata keenya Oromiyaa fi addunyaa mara irratti argamu waliin yoo kabajannu gammachuu gudaatu nutti dhagahama. Hundi keessanuu bakkuma jirtanitti nu waliin tahuun ayyaana seena qabeessa kana irraa akka qooda fudhattan afeeramtanii jirtu.

Waggoottan 25nan dabraniif SBO jiraachisuuf karaa adda addaa haala seenaan hin daganneen warra gumaachaa turtan maraaf galatni bilisummaa dha. Ayyaana kana milkeessuuf, akkasumas, gara fuula duraattis SBO raadiyoo keessan tamsaasa irra jiraachisuuf karaa maallaqaa, yaadaa fi gorsa ijaaraa gumaachuun akka nu cinaa dhaabbattan hiree kanaan waamicha goona.

Nu qunnamuuf:
Email: sbo.radio88@gmail.com
Injifannoo Ummata Oromoof!
Boordii Gulaalaa SBO

The Six Anniversary of the Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA)

$
0
0

The following is an invitation for a noble cause from the Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA), which, this month, marks its sixth year of fighting for human rights in the Horn of Africa.

Gadaa.com

Tickets are on sale; to purchase, call (647)-710-7306, (647)-280-7062, (416)-275-9460, (416)-788-9219, (416)-767 8784

Thank you for supporting human rights!

———————–


May 2013 – a Fundraising Month for HRLHA on its Sixth Anniversary

It has already been six years since the Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA) was re-launched from Diaspora. It has really been a long journey for HRLHA, mainly because it has been full of challenges, lack of adequate human and financial resources being the major ones. These problems have continued to be unresolved. However, they have never prevented HRLHA from pursuing its passion of defending fundamental human freedoms and dignities. This could be ascribed to the strong commitment of its limited volunteering staff and supporters who have allowed the Agency to continue fighting against the perpetrators of human rights abuses in the Horn of Africa. As a result, HRLHA has become the strongest human rights organization in the region in fighting on behalf of the defenseless and the voiceless – a continuous effort that has won the Agency a Consultative Status from the United Nations.

It has been the hope of the peoples in the Horn, the international community, civic organizations and other NGOs that the bad human rights records of the dictatorial regimes in the region would improve. Particularly, much was expected in Ethiopia in the past twenty years, and recently, following the replacement of the late Prime Minister Meles Zenawi by a new head of government. To the contrary, the human rights situation in the country has been worsening from time to time. A very recent case in point is the severe attack against Muslim worshipers who were extra-judicially killed, jailed in hundreds and tortured simply because they demanded the independence of the leadership of the Islamic Affairs Council. It is also recalled Oromo students in different universities in the country, in the Addis Ababa University in particular, were dismissed and/or suspended from their academic studies for opposing to racist slurs against the Oromo people, and demanding equality of nations and nationalities. The constitutionally guaranteed free press and political oppositions have become illegal. Journalists are being punished with up to life-time imprisonments, and hundreds of thousands of supporters, members and leaders of opposition political organizations have been incarcerated just for attempting to hold peaceful political activities.

Evictions and displacements of farmers from their livelihoods in the name of development in different parts of the regional states of Oromia, Gambela,  Benishangule, Afar, and others without consents and/or compensations are pushing hundreds of thousands of family members into the worst kind of destitution in the form of homelessness and joblessness. Those of the farmers, who attempted to protest the evictions and displacements, have been met with harshest actions, (by armed government forces), that have results in the death of hundreds of innocent civilians. For example, more than 200 members of the Suri Tribe in Gambella Regional State were brutally murdered while thousands of others were forced to leave their ancestral land and taken to unknown destination by the Ethiopian armed force in December 2012.

We have been witnessing that the condensed outcome of such injustices and brutalities have been the fleeing of hundreds of thousands of peoples into the neighboring countries in the Horn, and across the waters to some Middle East countries, such as Yemen. For example, among the 100,000 asylum seekers, refugees and migrants from the Horn of Africa arrived in the south Yemen around the Arabian Sea and Red Sea coasts in 2012, it was estimated that at least 70,000 of these new arrivals were from Ethiopia. Unfortunately, those roads into exile have never been safe and smooth. Most of them have become easy prays of different illegal activities, such as human trafficking by different lawless groups that are pursuing different types of group interests. It is such realities of causes and effects that have made HRLHA’s presence and operations in the Horn very vital, and very challenging. What is more, limitations in its human and financial resources have made the whole job of speaking on behalf of the voiceless more challenging for HRLHA.

However, with a strong commitment of its staff and volunteers, the HRLHA has so far been able to help a lot of those defenseless and helpless people escape or avoid arrests, detentions and deportations, released from prisons when detained, granted relative security and protection from what they are entitled to as citizens in their home lands, and as refugees when they flee their countries.  It is very important to mention again and again the great jobs done with the scarifies of HRLHA’s staff and volunteers in the Horn of Africa to convince the potential supporters and members.  Going beyond the legal and political boundaries presumed to be existing in the region, HRLHA has been able even to challenge outlaw groups and secure the freedom of very young children who were kidnapped for the purpose of human trafficking after being orphaned by their kidnappers.

As hinted at above, from our past experience, the human rights situation in the Horn of Africa in general, and in Ethiopia in particular, is getting worse and worse. There is no sign so far – which indicates the improvement of the human tragedy in the Horn countries. Although it is not unfair to be optimistic, it is hard to speculate as to when and how soon such human miseries in the Horn could come to an end. So, HRLHA’s presence and operation in the Horn of Africa remains inevitable as long as both the legitimate and the illegitimate groups continued their perpetration of human rights against innocent people.

Summary of Activities:

  • Gathering, composing and disseminating information on human rights abuses in the Horn in general, and in Ethiopia in particular; and bringing those issues to the attentions of local, regional, and international human rights and diplomatic agencies as well as local governments through various forms of media and correspondence;
  • Compiling annual reports on human rights situations in the Horn of African countries in general, and in Ethiopia in particular, and distributing them through media to the general public and directly to all stakeholders so that pressures could be exerted on perpetrators of human rights violations;
  • Conducting researches on human rights violations in the Horn of Africa;
  • Field trips and investigations.

Summary of Achievements:

  • The release of detained refugees (from prisons in Sudan, Yemen and Somaliland);
  • The delay and eventual cancellations of the deportations of asylum-seeking refugees (in Sudan, Yemen and Somaliland) to their countries of origin;
  • In recognition of the credible outcomes of its activities of monitoring and reporting on human rights issues as well as its contributions into the field, HRLHA was granted a Special Consultative Status by the United Nations Economic and Social Council (ECOSOC), one of the six major organs of the UN, as of July 2011. This enables HRLHA, among other things, to actively engage with the ECOSOC and its subsidiary bodies as well as the United Nations Secretariat programs to present any kind of human rights violations in the Horn to the member states and to UN human rights commission without limitation to challenge the human rights abusers.

Challenges:
HRLHA’s biggest challenge has been financial resource, as it has not been able to secure any fund from any donor organization in those six years. The main reason for being unable to secure fund from donor agencies is that the financial support HRLHA managed to collect in the past years from its supporters (which is usually deemed a prerequisite by those donors) was very minimal. However, with almost all in all volunteer resources, except for the very small amount of money collected from its members, it did not stop performing its job of monitoring, detecting, investigating and reporting on human rights violations in Ethiopia and in the Horn. It has managed to execute most of its plans of action and meet its objectives for the past six years through the extraordinary commitment of its tireless and dedicated volunteer staff. This dedication elevated the status of our organization to the highest level one cannot even imagine. Today, HRLHA can represent the voiceless with confidence and speak loudly on international stages about the hidden human rights abuses in Ethiopia and other Horn of African countries.

In addition to what HRLHA has laid down as its long and short-term plans in the Horn, the Special Consultative Status that HRLHA has been awarded by UN comes with multiple direct and indirect responsibilities that require us to double and triple our efforts in order to meet the expectations. To this end, the financial help from human rights supporters is very crucial in order to ease the financial challenge that HRLHA has faced. Therefore, your prompt action to strengthen HRLHA financially is extremely significant at this point.

To solve the financial problems that HRLHA has encountered, worldwide campaigns of raising funds and recruiting supporters are underway as of April 1, 2013. Besides the big fundraising event scheduled to be held on May 18th, 2013, the other ideal way of supporting HRLHA is making regular monthly contributions directly to HRLHA’s bank account. To ensure the continuity of HRLHA’s commitment to representing the voiceless and the defenseless, setting up a minimum monthly contribution of $20 from HRLHA’s supporters would be inevitable. Those of us who are able to do can go above the minimum contribution requested, and do contribute as much as we can.

Through our current fundraising campaign, we are aiming to raise $100,000; and recruit up to 500 permanent supporters who are willing to make the monthly contribution of $20 each, so that HRLHA can raise another $10,000 a month. By so doing, we could go beyond ensuring HRLHA’s existence, and enable it to operate in its full capacity.  We request you to start your support as SOON AS POSSIBLE, and do YOUR part.

To setup and start a monthly financially support for HRLHA, use the following Options

Direct Deposit

  1. Name of the  Bank, TD Canada Trust
  2. Customer Name:  The Human Rights League
  • TDCT Account NO.
  • Transit No.:  11442
  • Inst No.:004
  • Account No.: 05165213128
  • SWIFT Code: TDOMCATTTOR (all are letters),
  • Routing # 026009593
  • Bank Address: Canada Trust, 2440 Bloor Street West & Jane Street, Toronto, Ontario M6S 1P9, Canada
  • Or go to HRLHA web site, HumanRightsLeague.com  and use Paypal Payment Method
  • (For convenience, here’s the link to the PayPal donations for HRLHA)


    Please Support HRLHA By:




    Thank You for helping Human Rights!

    “We fight for human Rights”

    Gadaa.com

    QABSOO ‘DIASPORA’

    $
    0
    0

    Bariisoo Gadaa Irraa*

    Qabsoo ‘diaspora’
    Hundumatuu goota
    Hundatu mudhii hidhata ziynaaraan maratee
    Hunduu lafa dhiitaa qawwee fannifatee!!
    Hundatu odeessaa ‘mic’ butatee
    Hunduuu ni gumguma hidhii dhodhommoqsee
    Qaataa qawwee arrabaa wal-irratti harkisee!
    Rasaasa ololaan dhahee wal-madeessee
    Kaan ni dhukkubsata mana yaalaa ciisee
    Kaan ni kulkulfata qaamsaa hirri’see!
    Hundinuu beekaa dha xiinxalaa siyaasaa
    Ba’aa gala qabsoo tartibaan tarreessa!
    Qabsoo ‘diaspora’……
    Saa’aa dirree keessaa kan maraatuun tiksuu
    Takkaa gamatti hofee dura goree ittisu
    Yookis as-qajeelchee deebisee dachaasuu
    Hundumatu Jaygna kan onneen qoqee dutuu
    Aarsaa lubbuu baasuuf oduu kan dheebotu!!!
    Qabsoo ‘Diaspora’

    * Bariisoo Gadaa: ear_tuf12@hotmail.com

    Viewing all 3224 articles
    Browse latest View live