Karaa mirgaa korru,
bitaanis ol baanu
gajjalaanis yaabnu,
utallees irra buunu
walga’iin kooruma
murtiinis kan sabaa
maal maqaan wal dhabuu?
rakkoof qaawwaa banuu?
Inni annisaa cimfate
luugee yoo ol ba’e
bakka galmaas ga’e
walga’iinoo koorumaa
murtiinis kan sabaa
maal ree mudaansaa?
Inni humni hanqate
suuta itti rarra’ee
galamatti yoo ol ba’e
walga’iinoo koorumaa
murtiinis tan sabaa
maalree dhibeensaa?
Inni abshaalome
tooftaanis haxxoome
warratti fayyadamee
isaanumaan koree
galma yoo dhaqabe
walga’iinoo korumaa
murtiinis kan sabaa
egaa maal mudaansaa?
Galma hin hanqatin malee
keettoo hin ta’in malee
galma ga’uuf jennee
tooftaa fayyadamne
irratti maa waldhabnee?
Walaga’iinoo koorumaa
murtiinis kan sabaa
egaa maal rakkoonsaa?
Jaataniinis kan waloo
ijaarsa biyya guddoo
warri ijaarsaaf ba’ee
ga’ee tokkicha qabaree?
kunoo ni qajeelchaa
sunoo ni ajjeeraa
kunis utubaa dhaabaa
kaaniisoo ni maragaa
kaanis bishaan waraabaa
akkasitti namni walta’ee
mana jabaa gad dhaabe.
Ijaarsi biyya guddoo
gudunfaan kaayyoo
jaataniin rawwatama
lamiidhaan utubamaa.
Walga’iin kooraadhaa
murtiinis kan sabaa,
galmicha erga hubannee
dorgaa dorgee seennee
miilla wal jala naqnee
sakaallee maa waldhaabnee?
Daandichuu wal xaxaa
hirree dhiiraa qoraa
nuu tana dagannee
emala gidduutti kunnee
humna maaf walbuufnee?
Jaataniin waloodhaa
gara gartummaa dursaa
jaataniin seexaadhaa
wareegama gaafataa
jaataniin booreedhaa
marabbaan eegalaa.
Nami mana tokko jaaruu
citaa wal hin saamuu
jedhu abbootiin duruu
walga’iinis kooraadhaa
yaabbinis akka abbaa
murtiinis kan sabaa!
—————————-
Raayyaa Dhugaa, Bitootessaa bara 2013