Quantcast
Channel: Gadaa.com Oduu – News
Viewing all articles
Browse latest Browse all 3224

Tokkummaa

$
0
0

Malkaa Caffee Irraa* | Ebla 23, 2013

Yeroo Tokkummaa qabnu
Gamtaan wal hiriirsinee,
Farda keenyaan gugsinee
Diina finxiriirsinee,
Biyya teenya dhuunfannee
Jallaa diddiriirsine.

Tokkummaan keenya laafnaan
Salphannee raajii taanee,
Warra nu hin geenyeen cabnee
Namayyuuf meeshaa taane.

Kan dabre nuuf haa gahuu,
Kottaa wal dhaggeeffannaa.
Akka durattii keenyaa,
Tokkummaa jabeeffannaa.

Tokkoomnaan nu kabajuu,
Yookaan eenyutu nu dhiisaa?
Tokkoomnaan waa tolchinaa,
Akka Gurmuu Kanniisaa.
Facaanaan gatii dhabnaa,
Akka hoomaa titiisaa.

Tokkummaan ani Walaloo kana keessatti irraa dubbachaa jiru tokkummaa Mooraa QBO keessatti barbaadamu (Tokkummaa Qabsaawota Bilisummaa Oromoo) ti. Kanneen ani Qabsaawota Bilisummaa Oromoo jedhuun ammoo, kanneen qabsoon Didhaa/Challenge tahuu fi qabsaawummaan Wareegama/Sacrifice tahuu beekanii wareegama qabsoon gaafattu baasaa jiranii fi kanneen si’achi itti dabalamanii baasuuf of kenniinsaa fi qophii qabani. Kanneen wareegama ulfaataa Oromoon Bilisummaa isaa gonfachuuf hanga har’aatti baasee fi baasaa jiruuf ulfina malu kennanii, wareegama kanatti firii gochuuf dhugaan of kennan jechuu kiyya.

Gaaffiin Tokkummaa mooraa QBO keessatti deddeebi’ee ka’us waa’eedhuma kanaa ti malee, Tokkummaan Sabummaa Oromoo waan uumamaan ture, jiruu fi borus diigamuu hin dandeenyee dha. Balaan gabroomfattootaan Tokkummaa Sabummaa Oromoo kana irratti aggaammatamee tures miidhama hanga tokko dhaqqabsiisu illee amma qabsoodhaan fashalee irraa aanameera waan taheef gama sanaan wanti guddoo yaaddofnuu fi irraa waywaatnu hin jiru. Inumaa iyyuu akka akaakuu gabrummaa mudannee fi shira diinotaan raaw’atamaa turee fi jiruutti, akka baay’ina lakkoofsa Saba keenyaattii fi akka bal’ina lafa keenyaatti sadarkaan har’a hafuurri tokkummaa Oromummaa irra jiru, kan itti boonnuu fi faarsuu qabnu malee kan irraa yaaddofnuu fi alaan’allu miti.

Gara Tokkummaa Qabsaawotaatti yeroo deebinu, kanneen Mooraa QBO fi Dhaaba qabsoo gaggeessu akka Mootummaa fi Paarlaamaa Oromiyaatti ilaaluudhaan qumaara polotikaa waa’ee Barcuma Aangoo Polotikaa irratti xiyyeeffatu achi keessatti shaakaluu kajeelanii fi kaayyoo sanaaf wal gurmeessan, Qabsaawota Bilisummaa Oromoo waliin tokkummaa uumuun hin salphatu. Maqaa Oromootiin Dhaaba Siyaasaa ijaarrachuun/moggaafachuun qoftis hiriira Qabsaawota Bilisummaa Oromoo keessatti ramadamuuf ulaagaa tahuu hin danda’u.

Lakkoofsi dhaabota/jaarmayoota siyaasaa maqaa Oromootiin dhaabbatanii dabalaa buluun laafina Tokkummaa Oromoo calaqqisa jedhanii yaaduunis dogoggora. “Karaa Alamganaadhaa, Yoom ragadne? ganaa dhaa!” (akka wallisaa Laggasaa Abdii baanu) maqaa Saba guddaa kanaatiin Dhaabotni Siyaasaa ijaaraman si’achi kana caalaa dabalaa deemuun illee akka malu tilmaamuu feesisa. Qabsaawotni Bilisummaa Oromoo Dhaaba jabaa tokkicha jalatti osoo hiriiranii irra bu’a-qabeessaa fi filatamaa tahu illee, Dhaaba lamaa fi sanaa olittis gurmaawanii galma gahiinsa QBOf tokkummaadhaan hojjechuunis waan hin danda’amne miti. Miseensa Dhaaba Siyaasaa osoo hin tahin qabsoo bilisummaa Saba isaaniitiif qooda gurguddaa kan gumaachanis bakka hedduutti mul’ataniiru, mula’achaas jiru. Walumaagalatti garaagarummaa fedheen (amantii, ilaalcha siyaasaa, gosaa fi naannoo dhalootaa…kkf) osoo hin daangeffamin Dantaa Sabummaa Oromoo tiksuu fi sanaaf qabsaawuu irratti ejjennoo, ilaalchaa fi of-kenniinsa wal fakkaataa haa qabaannuu dha Gaaffiin Tokkummaa Oromoo.

QBOtiin wal qabsiifamee oggaa irra deddeebi’amee Tokkummaa, Tokkummaa, Tokkummaa… jedhamu namoota maalummaa qabsoo fi siyaasaa irratti hubannoota gahaa hin qabne akkaataa itti dhiphisuu fi yaaddessu qaba. Murnootni maqaa Oromoo dhahatanii “Nuti Dhaaba Polotikaa ti.” Ofiin jedhan hundumtuu hanga agoobara tokko jalatti walitti hin dachaanetti akka waan QBO galma gahuu hin dandeenyeetti warri hubatan jiru. Sana irra dabraniis Tokkummaan Sabummaa Oromoo illee akka waan gaaffii jala jiruutti hubatanii warri dhiphatan jiru. Kuni lachuu hubannaa dogoggoraa tahuu fi tokkummaan barbaadamu kan akkamii akka tahe gabaabsee akeekuufin ibsa gabaabduu tana walaloo xiqqoo tanatti dabale.

Hayyootni keenya kan waa’ee Siyaasaa fi Seenaa Oromoo irratti hubannoota gadi fagoo (irra wayyaa) qaban, Gaaffiin Tokkummaa Oromoo Waa’ee Maalii ti? dhimma jedhu kana irratti osoo yaada bilchaataa fi bal’aa hubannoo ummata keenyaa (keessattuu kan Dhaloota Qubee) guddisuuf gargaaru haala itti fufiinsa qabuun barreessanii yookaan bifa biraatiin dhiheessanii milkii Qabsoo Bilisummaa Oromootiif bu’aa guddaa qabaata jedheen amana.

Waan QBOf Tolaa Haa Jajjabeessinu!
Waan QBOf Hin Tolle Haa Morminu!

* Malkaa Caffee: malkaacaffee@gmail.com


Viewing all articles
Browse latest Browse all 3224

Trending Articles