Guyyaan Yaadannoo Gootota Oromoo Ebla 20, 2013 Minnesotaa keessatti sirna ho’aan kabajamee oole. Guyyaa kana waamichaa Konyaalee Adda Bilisummaa Oromoo Minnesota keessa jiraataniin Haawaasaa Oromoo hundaaf godhameen bakka deggertootnii fi Miseensoti ABO, akkasumaas miseensotnii fi bakka bu’ootni ULFO argamanitti Galma Waltajjii Haawaasa Oromoo Minnesota keessatti sirna addaan geeggeffaamaa oolee haala mirqaansaan xumurame.
Haalaa yeroo ammaa kana mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti yaadaa faalla kaayyoo ABOn as bahuun mooraan sirna Itophiaa tiksuu fi suphuu jedhu bifa Jaarmayaan as bahe keessatti deggertootnni Adda Bilisummaa Oromoo fi Haawasni Oromoo Gootota kufan yaadataa kaayyoo isaan kufaniif sana bakkaan ga’uuf murannoo qaban argisisuun guyyaan Yaaddannoo Gootota Oromoo kun hirmaattota lakkoopsaan dhibba sadi ol ta’aniin kabajamaa oole.
Sirna kana irratti keessummootnii fi hoogganootni ABO fagoo fi dhihoo irraas kan hirmaatan yeroo ta’u keessummaan kabajaa guyyaa kaana gootitti WBO Shamarre J/Urjii Dhaaba qaamaan argamuun dhaamsa goototaa hirmaattotaaf dabarsuuf argamtee turte.
Walgahiin Faaruu Alaabaa fi eebba manguddoon erga eegalamee booda bakka bu’an ABO, miseensa Shanee Gumii fi mataa DDA, J/Dr Fidoo Eebba walgahicha sirnaan banan.
Keessumootni guyyaa kana fageenya irra karaa Daandii Komputera Skype jedhamuun argamuun ibsa balla godhan. Isaan kana keessa keessummaan dura qaamaa hooggana ABO olaanaa kan ta’an Miseensa Shanee Gumii fi mataa Damee Jaarmayaa fi Siyaasaa, J/Abbaa Caalaa lataa turan.
J/Abbaa Caalaan guyyaa goototaa, bu’uuraa QBO ABOn geggeeffamuu fi bu’a ba’i inni keessa darbee, bubbeelee yeroo irraa yerootti ka’ani kufaa turan, himaammatni ABO hariiroo halgaa fi olloota isaa waliin qabatuuf ganama irra wixinatee qabu, akkasumas bifa itti Oromiyaan Ollota waliin jiraatuuf ta’u ilaalchisuun ibsa balla godhan. Keessumaa bubbeeleen amma moora qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti bubbisaa jiran akkuma amala isaanii kufaatiin isaan eeggatu mirkana ta’uu isaa heerani, kanneen kana oofanis Hooggana ABO wal-shakkisiisuuf, Hoogganaa fi Miseensa ABO walshakksiisuuf wixinee ololaa mooraalee bubbee kana keessa as qillessa’aniif Ummatni Oromoo fi Deggertootni/Miseensotni ABO akka gurra hin kennineef heeruu dhaan amaalotni akkasii bara baayye ka’anii kufaaniiru waan ta’eef inni ammaas waan sana irra adda ta’e miti jechuun daandiin dhugga Addi Bilisummaa oromoo qabatee deemuu fi kanneen gootni meeqa kitima itti ta’e mo’umsa maayyiin akka adeemsa qabsoo bilisummaa xumuratu shakkiin hin jiru jechuun mirkaneessanii jiru.
J/Abba Caalaa Lataa ibsa walii galaa gad fageenyaan isaan kennaan heddu kan hamilee hirmaattotaa ol kaasee fi abdiis itti hore akka ture iffatti argamaa ture.
Keessumaan lammattaas akkasuma angafa qabsoo fi kanneen bu’ureessu ABO keessatti qooda qaban J/Ibsaa Guutama turan. J/Ibsaanis muuxanno isaani bara dheeraa fi bu’a ba’i qabsichi keessa ba’ee as ga’ee fi hallaan akkaan rakkisoo turan keessattis milkiin argame wareegama goototni Oromoo kafalaniin ta’uu isaa heerani isaa kanatti xumura godhuuf ABO jalatti hiriiruun kara isa hafee murannoon deemun akka filmaata biraa hin qabne dubbatan.
J/Urji Dhaabaa keessummaa guyyaa kanaa taate yeroo waltajjiitti baatu Wellisa Kadir Said geeraarsaa fi booyichaan J/Urjii simatuun walgahiin itti fufe. J/Urjiin yeroo heddu wa’ee mata ishee irra utuu hin taanee wa’ee Jaallan ishee biraa kufanii waan dubbattuuf jecha gootni kan mataa isaa hin himatu yaada jedhuun miseensota Waltajjicha geggeessan keessa Seena J/Urjii fi waan isheen keessa baate ummataaf himuun danda’ameera.
Guyyaa kanaa Jallan bakka bu’oota ULFO keessa J/Abdiin haasaa hundee qabuu fii dhaamsa ijaaraa ta’e dabarsuun mooraan qabsoo bilisumma Oromoo yeroo fedheyyu caalaa ititaa jiraachuu isaatii fi bifa amansiisa irra ga’uu isa haala mullisuun walgahiin itti fufee.
Guyya kan kanneen adda godhan keessa tokkommoo baroota shan boodaa yeroo jalqabatiif walitti deebi’uun kanneen waltajji kana irratti dhaamsa jaba dabarsaan keessaa dura taa’aa KY ABO kan ta’an J/Ibrahiim Muummee ergaa dabarsanii jiruu. Akkumma beekamu qaamni KY dhiheenya kanaa sochii moora ABO tokkoomsuuf fudhatama jiru keessatti walgaltee irra ga’amuun ni yaadatama.
Qophiilee fi ibsoota asiin olin godhamaa turan keessatti giddu gidduun faaruun goototaa, walalooleeni fi Vidyoon sochii WBO agarsiisan dhihaata turan.
Bifa kanaan guyyaan kun injifatno fi gammachuun xumuraamu irra darbee tarkanfii keenya booriifis waliti dhaammatuun walle Kadir Said “ABO…….Kallachi Oromootaa si qofa” jedhuun meeshaa malee Hawwisoon erga hirmaattotaan shubbisameen booda xumura guyyaa kanaa ta’ee jira.
Injifatnoo Ummata Oromoof!!
Koree Qindeessituu Guyyaa Gootota Oromoo magaalaale lakku/Minneapolsi/Saint Paul – Minnesota
