Quantcast
Channel: Gadaa.com Oduu – News
Viewing all articles
Browse latest Browse all 3224

Madda Oduu ABO: WBO Oromiyaa Bahaatti Tarkaanfiilee Injifatnoo Fudhatu Itti fufe!

$
0
0

Gadaa.com

(Madda Oduu ABO/MOA/ Ebla (April) 20, 2013) – Bilisummaa ummata Oromoof wareegama ol aanaa baasaa kan jiru WnBO tarkaanfiilee Oromiyaa bakka adda addaatti fudhatuun diina rifaasisaa fi ummata isaa hamlachiisaa jira. Akka kanaan WnBO Hararge Dhihaa keessa sosso’u tarkaanfii Ebla 5, 2013 Ona Mi’eessoo naannoo Burii Tumtuu jedhamutti fudhateen humna diinaa irraa 3 ajjeesee 5 madeessuu ajaji Godinichaa hubachiise. Kanneen ajjjeefaman keessaa tokko lukkee diinaa gorsii fi dinniinnii yeroo adda addaa kennameef fudhatuu diiduun diina waliin hiriiree ummata basaasuu fi hiisisuu kan hojii bgodhatee sosso’aa ture tahuu ibsi ajaja WBO godinaa Harargee Dhihaa dabalee hubachiisa. Gama biraatiin WnBO Harargee Bahaa keessa sosso’u Ona Mayyuu Muluqqee naannoo Huuseetti duula adeemsiseen magaalaa Huusee Ebla 8 irraa kaasee hanga Ebla 13, 2013tti dhuunfatuun ummata barsiise. Yuriinsa turban tokkoo kana keessattis WBOn ummatni qabsoo keessatti hirmaatnaa isaa beekee qooda irraa eegamu caalaatti akka gumachan hubachiise.

WnBO magaalaa Huusee dhuunfatee turban tokkoof kan keessa ture humna hidhataa magaalaa sana eegaa ture ari’uun akka tahe gabaasi ajaja WBO Godinaa Hararge Bahaa mirkaneesseera.

I.U.Of!!

- Adda Bilisummaa Oromoo

From Archives:


Viewing all articles
Browse latest Browse all 3224

Trending Articles