Quantcast
Channel: Gadaa.com Oduu – News
Viewing all articles
Browse latest Browse all 3224

Gubaa, Irreechafi Okolee: Bara 2013 – Washington DC, Varginia Fii Maryland

$
0
0

Gadaa.com

Ashamaa ilmaan Oromoo kan naannoo Washington DC, Virginia fi Maryland jiraattan; Obboleewwan keenya dhiira dubartiin, baga ayyaana bara 2013 walumaan jala geenye.

Gubaa Baranaa: Fulbaana (September) 28, 2013 ulfeeffanna
Irreechafi Okolee: Fulbaana (September) 29, 2013 ulfeeffanna

Kottaa ayyaana waliin qabnnu kana waliin ulfeeffannaa!

Gubaa:
Iddoon Gubaa: 4903 Sheridan Street, Riverdale, MD 20737
Yeroo sirni Gubaa Calqabamu: 6:00 WB (PM)
Ibsaan yeroo itticalqabamu: 9:00 WB (PM)
Lakkoffssa Bilbilaa: 240-737-0099 – Hokaan: 240-479-5809
Sa’a 9:00 WB (PM) tti hundumtti keenya Ibsaa bobeechinee, bara haraawatti ceena. Ibsaadhan boddee, sirbbaaf gammachuudhan bara haraawa simanna. Sirbuuniif bashannanuun hamma halkan walakkaatti itti fufa.

————————-
Irreecha:
1. Guyyaa Irreecha: Fulbaana (September) 29, 2013, Ganama Sa’a 11:00 tti irreeffatoonni iddoo Irreecha Lake Artemisiatti argamuu qaban
2. Iddoo Irreecha: Lake Artemisia (Berwyn Rd & 55th Ave, Berwyn Heights, MD 20740)
3. Yeroo Irreeffannaa: sa’a 1:00 WB (PM) calqabama
4. Guyyaa irreecha kana magrii jiidhanif habaabon keelloo harka keechanii hin dhabamin. Hoo dhabdan iddoo irreechatti isinif hirra.
5. Guyyaa irreecha uffata aadaa hookan Adii hoo qabaattan uffachuu hin irraafatinaa. Hoo qabaachuu baattan kanuma qabdan uffadhaatii yeroon kottaa.

Gadaa.com

————————-
Hururssaa
Akkuma bara dheeraaf gochaa turre baranas daimman woggaa tokko hin guutin iddoo irreechatti fidaa; sirnna hururssuuf maqaa moggaasa qabnna. Waa habaaboo keello fi magraa jiidhaa harkaa qabnnu hundinuu irreeffannee karaa daimman hurursaatti ol dachaana.

Gadaa.com

Hurussaan baranaa kan dabree kana caala jennee abddanna. Daimman keechan iddoo irreechati fidaa, hin eebbifnna.

Okolee:
Okoleen sirnna hedduu ufirraa qaba. Biyyaa alagaatti hundumaa arggachuu hin danddenye. Garuu nyataaf dhugaattii akka aadaa okoleetti qophaawe irreeffatoonni hundumtu kottaa dhangaa waliin nyaannaa, mijuu waliin unannaa.

Yeroo: Sa’a 3:00 WB (PM)tti ayyaaneffachuun calqabamaa
Iddoo: 811 Upshur St N.W. Washington DC 20011 (Waltajjii Oromoo / Oromo Center)
Lakkoofssa bilbilaa: 202-722-1274

Koree Qindeessituu Gubaa, Irreechafi Okolee.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 3224

Trending Articles