Malkaa Caffee irraa*
Dubbadhu Qaallittii abaaramtuu lafaa,
Yoo dubbachuu baatte xuuriin isaa sitti hafaa.
Ajjeechaa Tasfaahuun akkaataa du’a isaa,
Si malee eenyu arge jalqabaa-dhuma isaa?
Dubbadhu Qaallittii, Oromoon si hin dhiisuu,
Maal jedhe Tasfaahuun yammuu kophaa ciisu?
Hulaa dhiphoo takkatti kophaa isaa darbamee,
Mirga dhala namummaa homayyuu sarbamee,
Yammuu kophaa ciisee dukkana daaw’atu,
Kan aarii fi xiiqiin gubee isa qaammatu.
Qonyonyaa madaa isaa yammuu qaqqabatu,
Laalaan isaa maraachee yammuu gangalatu.
Yammuu beelli hubee mar’umaan wal rige,
Yammuu aariin gubee hadhooftuu diddige?
Bishaan dhorkatanii laagaan jiidha dhabee,
Arrabni isaa gogee dubbachuu dadhabee,
Yammuu obsa fixee waaqaa-lafatti aare,
Dubbadhu hin dhoksinii si moo nu abaare?
Dubbadhu Qaallittii ol kaasii sagalee,
Daba sana eenyu arge Waaqayyoo fi si malee? (2)
Dubbadhu Qaallittii dhugaanuu si hin dhiisuu,
Maal jedhe Tasfaahuun yammuu kophaa ciisu?
Lubbuu itti guraarraan ciniinnatee obsee,
Iccitii keessa isaa yammuu diina dhokse.
Ummata isaaf jedhee gidiraa sana obsee,
Ijji imimmaan didee yammuu dhiiga cobse.
Yammuu harqee harqee iyyee mankaraare,
Akka leencaa aadee dachii tattaraaree,
Yeroo sana maal jedhee? Dubbadhu Qaallittii!
Hin dhoksinii himi !! Himi akka gaariitti !! (2)
“Qeerroo! Qeerroo!” jedhee? “Qeerroo Gumaa Kiyya!”
“Lammii koo ! Lammii koo ! Lammii Gumaa Kiyya !”
“Gumaa Kiyya Baasaa!” jedhee lallabatee?
Du’a isaa oggaa beeke, oggaa dadhabate.
Dubbadhu Qaallittii cubbuu dalagamu,
Dhala Oromoo diinaan guyyuu dararamu.
Badii tokko malee kan karaa irraa butan,
Lattuu abdii borii meeqa muuroo kutan?
Goota akka Tas/span>faahuun meeqa galaafatan?
Ol adeemtuu meeqa gubbee irra dhaabbatan?
Hin dhoksinii himi, Dubbadhu Qaallittii,
Roorroon kun hundumtuu sababa maaliittii?
Lammiin haa birmatuu iyyadhu Qaallittii,
Sagalee ol kaasii iyyi akka gaariitti. (2)
Lallabi Qaallittii, Iyyii Iyya labsi,
Sagalee diddaa kee garayyuutti dabarsi.
Dubbadhu roorroon kun as irratti haa ga’uu,
Oromoon mirga isaaf onnatee haa ka’uu! (2)
*Malkaa Caffee
Hagayya 30, 2013
Malkaacaffee@gmail.com