Quantcast
Channel: Gadaa.com Oduu – News
Viewing all articles
Browse latest Browse all 3224

Eenyuuf Jedheen Ani

$
0
0

Gadaa.com

Abdii Borii irraa

Eenyuuf jedheen Ani
Mee maalifaan booyyaa?
Maaltu nati hanqannaan?
Immimmaan Koo coophaa
Halkanniif guyyaa!
Maaluma naaf wayyaa?
Anoo nan gubbadhee
Maaf isiin galluu?
Iyyii onnee fi
Ifin gaannii keessaa,
Waluma fakkaata.
Waccinni gabaa keessaa?
Gungummii fakkaata,
Waattuu nu raatteessaa
Hallagaa nuqalluuf
Kaan haadduu qoophaa,
Kaan Haaddaa qopheessee
Lammii ittiin kiyyeessaa!
Hardhaas numaan booyyaa
Maalifaan hinboonyee?
Abdii biyyaaf jedhee
Isa Ani eeggadhu tu
naduraa godhaan née!
Yaadachuu yaadadhee
Xiqqoo sasalfadhee,
Lammii qabachuu Koo
Reefan hirranfadhee
Kuttu kana goona
Jechuu naan sooddaadhee!
Warra nutti gallee
Harma haadha hodhee
Haallagaa dhaaf looggee
Hirriyyaa “baallaggee”
Qobsoo dha moo,
Qassoo?
Kan hin qoffa’amnee?
Qottoon Abbaa kiyyaa
Kan murruu hin dandeenyee?
Guyyuma guyyaanii
Duutti nuccorrattii?
Numaaf kana beeknnee
Gadheen nutti roorriftii!
Miidhaan miidhaan nyaattu
Muujjaa mallee hin beeku,
Sabakoo calftee
Tokkummaa dagattee?
Kan sirraa dhatee
Hallagaatti silaattuuf
Fala maali naaf faltee?
Beektoon dhumtee,
Abdaan gubbattee
Dheebbuun waxxalmtee
Dukkanatti galtee
Gabrummaa jibinsaaf
Gaddaddoo filtee,
Kaanis biyyaa yaattee
Tokkummaa dhabsaaf
Hedduun qoqqoodamtee?
Qabsoo dhamoo?
Qabsoo Kan hin qosa’amnee?
Bara baraan gaabbii
Gaddaam Kan dhageenyee
Odduun gammachiissaan
Bara dhiba guuttuu,
Tokkaa hin dhaga’amnee.
Safuu millionaa!
Eddaa kun lakkoofsa
Baayyee gaddissaa
Ani limmiin qabaa Nama jechisiisa?
Heddumnii keenyaa maalin bu’aansaa?
Meeqatam keenyatu hardhaan
Hadha waljaallataa?
Yeroo gootinni du’uu
Gummaa isaa baassuuf
Wajiin mir’ataa?
Moo! Akkuma kalleessaa
Ixxoopiyaa faarsaa?
Kan nu gunnabsaan
Saba xiqqeessaanii
Ofiin murtessaannii?
Chartera diigudhaan
Meesha gachissiisuu
Kan nu daboomsannii,
Mana dukkanatti
Warri nu darbaan
Ofi London seenun
Odduu hafarsaannii
Hirreen keenyas baddee
Jiruu hidhaa taattee,
Qabsoo haadhaa hortee!
Ani kannaafan boyyaa
Jireenyi qabsa’aa
Yennaa kana taattee
Ifin ilmaan Oromoo
Ibsaa gaannii keessaan
Waluma fakkatte.
Qabsoo dhamoo qassoo
Kan hin qosa’amnee?
Ofi achi hin siqnee
Ijoollee qaqqaalii
Warra biyyaaf taattu meeqa gallaftee?
Cabbee Kan okkolluu,
Goddanisa ta’ee
Madda’ee kulkuluu,
Hardha meeqatami
Jagni lunna ta’ee
Ta’ee Kan ullulluu?
Ani kanaafan booyyaa
Maalifaan hin boonyee?
Lammiitu tokkommee
Walsaa hin dhageenye.
Gummaa goota baasuuf
Wal hin mar’anne. Uuuuu, Tokkummaa!


Viewing all articles
Browse latest Browse all 3224

Trending Articles