Taammanaa Bitimaa irraa** Ginni bittaa-Maqalee Jarri qawween as galee Akkuma Minilik-faa Uummata keenya qalee Ijoollee teenya qalee Yaa Oromoo waltayii Gaaraa-dakaa gadbayii Ofirraa kaasi malee! Biyya keenya qabatee Dilbii keenya qalatee Sabbuu keenya saammatee Buna keenya haratee Damma keenya muuxatee Dhiiga keenya xuuxxate! Arrabasaa dheeressee Sammuusaa daran deegsee Waanbadee nutti ta’ee Waan badaan nutti ka’e! […]
↧