Quantcast
Channel: Gadaa.com Oduu – News
Viewing all articles
Browse latest Browse all 3224

Waamicha Irreecha! Ayyaana Irreecha Fulbaana 28, 2013, Hora Gaasperplas-Amsterdam, Neezerland kanatti, Dhugeeffanna!

$
0
0

Hawaasa Oromoo Gidduugala Awurooppaa jiraattanii fi firoottan Aadaa Oromoo leellistan maraaf!

Gadaa.com

Akkuma kanaan dura isiin beeksifnetti, Fulbaana 28/2013, guyyaa sambata xiqqaa, ganama sa’aa 10:00 irraa eeggallee ayyaana irreecha Hora guddicha Magaalaa Amsterdam – Gaasperplasitti kabajanna.

Kanaafis waliin taanee akka ayyaaneeffannu koreen Guumii Irreecha, irraa deebi’ee gammachuudhaan waamicha Oromummaa kabajaan isiniif dhiyeessa!

Haaluma kanaan mallattoo eenyummaa fi riqicha tokkummaa Ummatata Oromoo kan ta’e Ayyaana irreecha kan bara kanaa, kan yeroo kamii caalaa midhaqsinee bifa haamilchiisaa fi hawwataa ta’een akka kabajnnuuf qophii keenya xumurreerra. Kanaafuu kottaa waliin irreeffanna oggaa jennu, isinimmoo uffannaa aadaa Oromoon bareeddanii bakka horaa kanatti argamuu hin dagatina!

Gadaa.com

Ayyaana waggaa ayyaantutu argaa!

- Sirni irreeffaannaa kan eeagalamu ganama Sa’aa 11:00 irraa ta’a.

- Bakki; Hora Gaasperplas, Amsterdam, kallattii Veenendaalplein bus station iin ta’a. Bus stationa kanarraa kaatanii bakka irreeffannaa gahuuf daqiiqaa 3 ykn 4 qofa lukaan arreeddu. Kanneen konkolaataan dhuftanis bakki parkii konkolaataa bilisa!Makina keessan dhaabdanii daqiquma walfakkaatu 3 hanga 4 lukaan arreeddu!

- Hirmaattooti ayyaanichaa garuu ganama sa’aa 10:00 irraa kaasnee achitti argamuu eegaluu qabna.

Uumama qabannee, gamtaan Uumaa galateeffanna!

- Sirni irreeffannaa akkuma aadaa Oromotti tartiibaan kan gaggeeffamu yemmuu ta’u, coqorsa qabannee, dhibayyuu baafannee, dhiichisaan fooggallee irreeffachuuf morkiinis, dhorkinis hin jiru. Kana malees nyaataa fi dhugaatiinis qophiidha!

- Bakkee irreeffannaatti, sirna irreeffannaa ilaalchisee ibsi gabaabaan Obbo Guddataa Bayyisaan nuuf dhiyaata.

- Dhangaa Buna-qalaa dhamdhamachaa, ibsa gabaabaa Obbo Geetachoo Camadaa Nadhabaasaa fi Aaddee Makkiyaan nuuf dhiyaatu, yeroo muraasaaf ni caqasna!

- Turmaatni bakka irreeffanaa Hora Gaasperplas, ganama sa’aa 10:00-16:00 tti ta’a.

Sagantaa Bashannana -waareffannaa fi Wal-marii Gababaa

- Sagantaan bashannana-waareeffannaa, galma Buurthuis Anansi, Daalwijkdreef 11, 1102 RN Amsterdam tti gaggeeffama.

- Sagantaan jalqabaa walmarii fi wal-yadachiisa aadaa, sa’aa 16:00-19:00tti mata dureewwan armaan gadii irratti xiyyeeffchuun kan dhiyaatan ta’u.

1. Irreecha fi sirna irreeffannaa, Obbo Guddataa Baayisaan
2. Maalummaa hulloqqoo fi hariiroo irreecha waliin qaban, Obbo Areeroo Ammeen
3. Sirna bulchiinsa gadaa Oromoo fi irreecha, Obbo Garasuu Tufaan
4. Hariiroo fi qooda Afaan Oromoo guddina aadaa keessatti qabaatu,Obbo Taammanaa Bitimaan
5. Aangoo fi qooda Siiqqeen aadaa Oromoo keessatti qabdu, Obbo Abdulqaadiir Tufaan, erga dhiyaate booda sagantaan walmarii yeroo ramadameef kana keessatti ni xumurama.

- Itti’aansuun Sagantaan irbaataa sa’aa 19:00-20:00tti, itti fufa.
- Sa’aa 20:00 irraa kaasee Artistoonni Oromoo beekamoo fi Jaallatamoo Artist Mahaddii Sheekaa fi Angaatuu Baalchaa akkasumas Mahaammad Galmoo waltajjii dhuunfachuun hanga sa’aa 3:00 AM tti, isiin bashannansisuuf qopha’aniiru.
- Gatiin galmaas ta’ee nyaataa dhugaatii bilisa!
- Keessummoota biyya alaa irraa dhufaniif bakki qubannaa qophaa’eera.
- Yaadachiisa!

- Akkaataa bakka Hora Gaasperplas–Amsterdam, [itti dhuftan,Kanneen konkolaataan dhuftaniif Veenendaalplein bus station/halte /ykn veenendaalplein 24, jala dhabdaanii gara harka bitaatti hora waan argitaniif lukan daqiiqa sadii ykn afur qofa arreeddu. Kanneen geejjibaan dhuftaniif immoo bakka buufata geejjibaa Bijlmer Arena station irraa Bus lakkofsa 47 qabattanii bus haltee veenendaalplein jedhutti irraa buutanii gara harka bitaatti maquun daqiiqaa 3-4 lukaan oggaa arreeddan battalumatti bakka irreeffanaa geessu.

- Bakki galmaa Buurthuis Ananis, Daalwijkdreef 11, Amsterdam kana dhufuu ammas warri geejjiba uumataan dhuftan Bijlmer Arena satation irraa lakkofsa bus 44 ykn 45 qabachuun daqiiqa 4 booda bakka Daalwijk bus halte jedhamutti irraa buutanii battalumatti galma daqiiqaa 1 booda seenuu dandeessan.

Irreechi irree keenya!

KOREE GUUMII IRREECHA 2013, AMSTERDAM-NETHERLANDS!
Namoota odeeffannoo dabalataa feetanif
- Aaddee Angaatuu – lakko.bil. +31684306631
- Dr.Baqqalaa – lakko. bil. +31622377204
- Obbo Dawey – lakko. bil. +31686431177
- Obbo Dammaqaa – lakk. bil. +31684380490


Viewing all articles
Browse latest Browse all 3224

Trending Articles