Quantcast
Channel: Gadaa.com Oduu – News
Viewing all articles
Browse latest Browse all 3224

Walaloo: Oromummaa

$
0
0

Dhugaasaa D. Gobanaa irraa | (Gumii.org | 2002)

Anniisaa Oromoo yaa Oromummaa,
Aadaa tokkummaa akkaataa yaadaa,
Ibsituu seenaa hundee sabbonummaa,
Raagaa bilisummaa wabii birmadummaa,
Madda eenyummaa kan hidda dhiigaa,
Mallattoon kee maali, maaltu si ibsaa?

Afaan Oromummaa maaliin dubbannee?
Sammuu Oromummaan akkammiin yaadnee?
Ija dubbii fi cuunfaa akkammiin himnee?
Cubbuu fi safuu Oromoo akkammiin egnee?
Qomoon Oromoo hundi waltanee,
Akkammiin ha boonyuu gaafa gaddinee?
Akkammiin ha cooknuu gaafa gammadnee?
Anniisaa Oromummaa yaa guraamalee,
Yaada moo yookiin kuusaa amantee?
Maaltu si ibsaa, ati maaliree?

Kutaan moo gandaan maaliin si waamnu?
Achii dhufaan kee essa siin jedhnu?
Madda Walabuu moo Qellam jiraattaa?
Gama warra Hiluu moo Gursuumiin bobbataa?
Yoo aduun dhiitu eessa qubattaa?
Gama Moccaa moo gandaa Walbaraa?
Amboo moo baabillee bishaan maal dhugdaa?
Bunnoo Baddallee kan Iluabbaboraaf Jimmaa,
Noonnoo moo Woborraa Buna eessaa dhugdaa?
Dhaangaankee maali kan ittiin bultuu?
Kafannikee maali kan si bareechuu?
Raga Oromummaa maalumaan ibsuu?

Gaafilee hedduu maaltu deebisaa?
Haa caqasnuu laata dhaadhanoo sabaa,
Kan saba Oromoo kan sirna abba Gadaa.

Afaan Oromoo ibsa Oromummaa,
Aadaan Oromoo madda Oromummaa,
Seenaan Oromoo hundee Sabboonummaa,
Rakkoon Oromoo sirna garbummaa,
Kaayyoon Oromoo galiin Bilisummaa,
Yaa Biyya Oromoo sabnikee gootaa,
Gurraacha, diimaa adiin dhaadhataa,
Tokkummaan Oromoo wabii birmadummaa,
Lammirra kan hafee eenyu waliif dhiigaa?
Qomoo Oromooti jinfuun Oromummaa,
Yaa guraamalee siida Oromummaa,
Xaxxee si hiitus sirni garbummaa,
Siif waregamna halkaniif guyyaa,
Anniisaa Oromummaan ni bilisoomtaa!

Qabsoo Oromoo kan nuu finiinsu,
Mirga-uumaa namaaf kan kabaja kennu,
Sirna walqixxummaan kan utubamuu,
Hawaasa Oromoo kan nuu gurmeessu,
Qabeenya Oromoo kan nuu mijjeessu,
Gamtaa jireenyaa kan nuuf misoomsu,
Siida Oromumma maaliin haawaamnu?

Seera uuma namaa inni hangafaa,
Kan gargar nu baasu uuma kaan irraa,
Dandeetti yaadaati waan hunda caalaa,
Yaaduu danda’uun garuu qobaasaa,
Utuubaa hin ta’u kan sabboonummaa.
Saba Oromoof daandii yaadaa dhunfaa,
Kan gargar nu baasuu saba kaan irra
Marsinee teenyee gaaddisa Odaa,
Yoo tilmaamanu galii Bilisummaa,
Handhuura dubbii murtii isa cunfaa,
Beekkumsa Oromooti ibsaan duukkanaa!

Beekumsa Oromoo kan finna qabuu,
Guudina dalagaan kan nu gabbisuu,
Gabbina kuusamee kan nu ball’isuu,
Ball’ina har’aati badhaadhiinni boruu,
Badhaadhan malee hormaanni hin jiruu,
Hormaataan malee maliin dagaaguu,
Dagaagan malee maliin dagaa-hooruu,
Dagaa-hooran ebba lammiif guumachuu,
Gumaata lammiin mirga dhunfatuu!

Beekkumsa Oromoo siida Oromummaa,
Haqalbeffannu jechaa ofittuumaa.
Ofittuumaan seera kan uuma namaa,
Hintaatu garu hidda sabboonummaa,
Madda eenyummaa kan birmadummaa,
Kan onnee tuqee kan nu raasu garaa,
Hundee birmadummaa dhaadhannoo Sabaa,
Hundiinu tokkoof tokkoos kan hundaa!
Qomoon Oromoo walirratti duunaa!
Tokkummaan Oromoo siida Oromummaa!

Mirga ilma namaa Qoosaa godhatee?
Xobbee ajjesee Oromummaa tuqee!
Sirna garbummaati kan nu takaalee,
Qacceen hin iyyu qincabbii malee,
Qoosaan hin jiru erga lammiin dhumee,
Qomoo Oromoo yoomiif tenyaree?
Jedhee lammiin boonyaan diinni nuti qoosee.

Qomoo Oromoo dhaagessuu dhaamsa,
Qondalli dhumuun hegereef gorsa,
Qacceen Oromoo qincaabbiin meqaa?
Qalissa xiqqatti yoo iyyaan qobaa,
Qabxiin hirmachuun dalagaaf tolaa,

Yoo deeman garu daandii Bilisummaa,
Adeemsa seena kan mirga-uumaa,
Kan dhuma hinqabnee jatanii sabaa,
Kuufani kaa’uuf halkaaniif guyyaa,
Kan hamilee jabessu akka buurrusaa,
Harkisan hin cittu funyoon sibilaa,
Haaqalbefannu jechaaf makmaksa,
“Wasaasa tafkii qomootuu gumachaa”,
Tokkummaan Oromoo siida Oromummaa!

Aadaa halagaa kan nu cunqursuu,
Irkoo godhanee yoo feene deemuu,
Qabsoon Oromoo fiixaan hin bawuu,
Caasaa Oromummaan haa gurmeffamnuu!
Caasaa Oromummaa eenyu nuu ibsaa?
Booranaaf Bareentuun maal yaadu laata?
Murtii Odaa Garres Bultuum nuu ibsaa?
Arsiif Walloon maaliin walguumachaa?
Kan Odaa Roobaa Makoodiin tuumsaa?
Maccaaf Tuulaamni maaliin dhaadhataa?
Kan Odaa Bisil Nabeen faarsataa?
Abdiin hegeree wabiin Bilisummaa,
Sapheera Oromoo siida Oromummaa,
Edoo bu’uu qabuu caasaa gabrummaa.

Akkaataa yaadaa hundee Oromummaa,
Hawaasa Oromoo hayyuun walgorsaa,
Qabsoon Oromoo adeemsa seenaa,
Akka finiinuuf halkaani fi guyyaa,
Yoo qomoo malee halagaan diinaa,
Nama nama ajjeese gumaan ararsaa,
Tokkummaan Oromoo siida Oromummaa!
Waltaanee haa deemnu daandii Bilisummaa,
Lammi dhageessuu dhaamsa Oromummaa!!

Yaa Biyya gootaa harmee Oromiyaa,
Akkaataan yaadaa hundee Oromummaa,
Hundiinu tokkoof tokkoos kan hundaa,
Tokkummaan demnee daandii Bilisummaa,
Anniisaa Oromummaan ni bilisoomtaa!


Viewing all articles
Browse latest Browse all 3224

Trending Articles