Quantcast
Channel: Gadaa.com Oduu – News
Viewing all articles
Browse latest Browse all 3224

Washington-DC/VA/MD: Beeksisa Walga’ii WWDO

$
0
0

Waldaan Walgargaarsa Dargaggoota Oromoo walga’ii isaa idlee Dilbata Waxabajjii 02, 2013 sa’aa 6:00w.b. irraa eegalee geggeessa.

Guyyaa kanatti akkuma walga’ii dabre irratti walii-galamee hojii waldaa jabeeyesudhaaf bakka miseensota koree gidduu hir’atani filannoon ni geggeeffama. Akkasumas haala miidha mirga uummata keeyna yeroo ammaa ilaalachisee karoora raawwii walii-galteewwan maree dargaggoota Oromoo waliin galgala hiriira nagaa Amajjii 25, 2013 taasifnee ni baafna.

Kanaaf, miseensoti WWDO fi dargaggooti Oromoo naannoo DC, MD fi VA jiraattan marti guyyaa kanatti dhuftanii sagantaa keeya qophii bashannansisaa fi barsiisaa adda-addaa if keeysaa qabu irratti akka qooda fudhattan waamicha Oromummaa kanajaan isiniif dhiyeesina.

Waliin bashannanaa tokkummaadhan hojii Oromummaa yaa jabeessinu!

Bakki walga’ii: Wajjira Jaarmiyaa Hawaasa Oromoo
6212 3rd St, NW
Washington, DC 20011

Guyyaa: 06/02/2013 (Waxabajjii 02, 2013)
Sa’atii: 06:00 w.b.

Dargaggoon Oromoo Irree Oromiyaati!
Koree Gidduu WWDO


Viewing all articles
Browse latest Browse all 3224

Trending Articles